Fana: At a Speed of Life!

Hojiiwwan bu’a qabeessa Itiyoophiyaan hammattoo Yaa’ii BRICS jalatti hojjechaa jirtu

Finfinnee, Fulbaana 2, 2019 (FMC) — Yaa’iin 18ffaa BRICS mata-duree “Jabaachuu, kalaqa, tumsa fi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun Fulbaana 2 hanga 3, 2018tti magaalaa Niiwu Deelhii, Hindii keessatti gaggeeffamaa jira.

Yaa’ii kanarratti bulchiinsi addunyaa fi sirni gam- hedduu, nageenya dameewwanii, tumsa diinagdee fi daldalaa, teeknooloojii fi kalaqmi akkasumas walitti bu’iinsi siyaas-qubsumaa kanneen xiyyeeffannoo argatan keessaa muraasa.

Itiyoophiyaanis dhimmoota kanneen waltajjiiwwan biyyoolessaa, ardii fi idil-addunyaa biyyoota hedduu hirmaachisan irratti akka ajandaa ta’anii dhiyaatanii fi furmaata argatan, Afrikaa fi biyyoota Kibbaa addunyaa bakka bu’uun, cimsitee irratti hojjechaa turte.

Kanaan walqabatee, Itiyoophiyaan dhaabbileen idil-addunyaa kanneen akka Baankii Addunyaa, Dhaabbata Maallaqa Idil-addunyaa fi Mootummoota Gamtoomanii, biyyoota Kibbaa addunyaa fayyadan, akkasumas bakka bu’ummaa madaalawaa akka qabaataniif haaromsi akka taasifamuuf waamicha dhiyeessaa turte.

Bara darbe Onkololeessa keessa Afrikaa Kibbaa keessatti kan gaggeeffame Yaa’ii biyyootabgaree 20(G-20) irratti kan hirmaatte Itiyoophiyaan, dhaabbileen idil-addunyaa hundi karaa biyyoota hunda fayyaduun akka haaromfaman, akkasumas biyyoota liqaa keessa jiranitti aaragalfii liqaa fi irra deebiin qindaa’ina liqaa akka kennamuuf waamicha dhiyeessiteetti.

Kana malees, Yaa’ii Waliigalaa 80ffaa Mootummoota Gamtoomanii irratti Itiyoophiyaan dhimmi “bakkw bu’iinsa haqamleessa biyyootaa” ” jedhuuf furmaanni kennamuu akka qabu cimsinee hubachiifteetti.

Akkasumas, Afrikaan caasaa nageenyaa, siyaasaa fi faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka taa’umsa dhaabbataa fi bakka bu’ummaa bal’aa akka qabaattu xiyyeeffannoo kenniteetti.

Wabii dameewwan adda addaa keessatti mirkaneessuunis ajandaa Yaa’ii BRICS kanaa keessaa isa tokko yoo ta’u, wabii nyaataa, wabii anniisaa fi fayyaa uummataa cimsuun barbaachisaa ta’uun ka’eera.

Gama kanaan, Itiyoophiyaan wabii nyaataa mirkaneessuuf pirojektii misooma qamadii bonaa kilaastaraan gaggeessuun, fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee qamadii gara alaa erguu eegalteetti.

Misooma anniisaa haaromfamuu danda’uutiinis, humna bishaanii, qilleensaa, aduu fi ho’a lafaa irraa anniisaa qulqulluu maddisiisuun, biyyoota naannoo isheetiifillee anniisaa ergaa jirti.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin, Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamuu danda’uu fi bu’uura indaastirii guddachaa jiru irratti hundaa’uun tumsa kana ijaaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Ce’umsa dijitaalaa fi tumsa saayinsii fi teeknooloojii guddisuunis ajandaa Yaa’ii 18ffaa BRICS keessaa isa biraa ture.

Itiyoophiyaan teeknooloojii odeeffannoo fi quunnamtii dameewwan diinagdee ijoo shanan keessaa tokko taasifachuun xiyyeeffannoo addaa kennitee irratti hojjechaa jirti.

Hoggansa murteessaa Mootummaa Ida’amuutiin, diinagdee sirna dijitaalaa addunyaa waliin tarkaanfatu ijaaruuf hubannoo namtolchee, teeknooloojii faayinaansii, saayibarii fi dameewwan biroo irratti tarkaanfiiwwan guguddoo fudhatteetti.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Yaa’ii BRICS irratti, hubannoon namtolchee fedhii fi dantaa ardii Afrikaa tajaajilu akka danda’u gochuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru.

Tumsa diinagdee fi hariiroo daldalaa naannawaa, ardii fi idil-addunyaa cimsuufis Itiyoophiyaan hojiiwwan adda addaa hojjechaa jirti.

Afrikaa humna diinagdee guddaa taasisuuf kan qophaa’e Ajandaa 2063 keessatti, Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa hojiirra oolchuuf misooma bu’uuraalee misoomaa fi hojiiwwan kutannoo ishee mul’isan biroo raawwachaa jirti.

Walumaagalatti, Itiyoophiyaan waltajjiiwwan guguddoo idil-addunyaa fi ardii irratti ajandaa biyyoota Kibbaa addunyaa dhiyeessuu fi tarkaanfachiisuun, gahee seena qabeessa ishee har’as itti fufsiisaa jirti.

Teewodiroos Saahleen

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.