Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan naannawaa daldalaa Afrikaatti oomisha erguun qooda olaanaa qabdi- Dooktar Kaasaahun Gofee

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019(FMC)- Itiyoophiyaan naannawaa daldalaa Afrikaatti oomisha erguun baha Afrikaarraa qooda olaanaa qabdi jedhan Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasaahun Gofeen.

Adeemsa daldalaa shaqaxaalee naannawaa daldalichaa ilaalchisee waltajjiin gamaaggamaa gaggeeffamaa jira.

Dooktar Kaasaahun Gofee wayita kana Itiyoophiyaan hanga baatii Adoolessaa darbeetti oomishaalee Doolaara miiliyoona 23.6’tti tilmaamamu erguu ibsaniiru.

Haaluma Kanaan baha Afrikaarraa qooda olaanaa qabaachuu kaasanii, kunis walitti hidhamiinsi hawaasni daldalaa keenya gabaa ardichaa waliin qabu guddachaa dhufuu agarsiisa jedhan.

Dandeettii gabaa ardiirratti qabnu guutummaatti fayyadamuuf rakkoolee odeeffannoo daldalaa furuun murteessaadha jedhanii, qajeelfamniifi poortaaliin odeeffannoo daldalaa guyyaa har’aa mariif dhiyaate hojimaatilee gumruukaafi daldalaa walxaxaa ta’an kan salphisu ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis yeroofi baasii intarpiraayizoota xixiqqaafi giddugaleessaa, dubartootaafi darggaggootaa sadarkaa olaanaan kan hir’isu ta’uu eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.