Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa IGAD Yaa’ii isaa 74ffaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Manni Maree Ministirootaa Dhaabbata Misoomaa Mootummoota Baha Afrikaa yaa’ii addaa 74ffaa Jibuutiitti gaggeessaa jira.

Yaa’ichi dhimma nageenyaafi tasgabbii naannawaa, akkasumas fooyya’iinsa dhaabbataa irratti taa’amaa jira.

Yaa’icharratti Ministir Deeetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa dabalatee, Ministiroonni dhimma alaa biyyoota naannawichaa hirmaachaa jiru.

Manni Maree Ministirootaa IGAD qaamolee imaammata dhaabbatichaa hojii irra oolchan keessaa tokko yoo ta’u, hojiifi sochiiwwan dhaabbatichaa qindeessuu, akkasumas biyyoota miseensa IGAD gidduutti tumsa jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.
#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.