Fana: At a Speed of Life!

Bunni Itiyoophiyaa addunyaa irratti sadarkaa gatii haaraa qabate

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Bunni addaa Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaa irratti fedhii olaanaa qabaachuu isaa kan mirkaneessu sadrkaa gatii haaraa fi seena-qabeessa galmeessuu isaa Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise.
 
Abbaan Taayitichaa akka ibsetti, bunni Gujii kiiloo giraamiin tokko doolaara Ameerikaa kuma 200 fi 376n, jechuunis gatii jijjiirraa yeroo ammaatiin tilmaamaan qarshii kuma 300 fi kuma 80tti gurguramuun seenaa buna Itiyoophiyaa keessatti sadarkaa gatii olaanaa galmeesseera.
 
Bunni gatii galmee haaraa kanaan gurgurame, kan abbaa “Tasty Coffee”, Obbo Faayisal Abdoosh, maqaa addaa “Faayisal Abdosh Signature” jedhuun, karaa interneetii caalbaasii buna addaa gabaa idil-addunyaaf dhiyaate ta’uun ibsameera.
 
Caalbaasichi giddugalli caalbaasii interneetii “M Kaltyvo”, kan teessoon isaa Ingilaandii fi Ameerikaa ta’e, kan geggeessee dha.
 
Gurgurtaan caalbaasii kun sadarkaa qulqullinaa fi barbaadamummaa bunni Itiyoophiyaa gabaa idil-addunyaarratti qabu haala haaraan kan mirkaneesse ta’uu Abbaa Taayitichaa ibseera.
 
Bu’aan argame kunis sadarkaa bunni addaa Itiyoophiyaa gabaa irratti qabu ol guddisuuf  karaa guddaa kan saaqu ta’uun ibsameera.
 
Galiin guutuun caalbaasii seena-qabeessa kana irraa argame, karaa Tasty Foundation, Godina Gujii, Aanaa Shaakkisoo, Ganda Dambii Uudootti buufata fayyaa ammayyaa ijaaramuuf akka oolu ibsameera.
 
Hojiin arjoomaa kunis qonnaan bultoota Gujii fi hawaasa qulqullina buna kanaa eeganii turaniif deeggarsaa fi galata kennamu ta’uun ibsameera.
 
#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.