Fana: At a Speed of Life!

Boqonnaa Haaraa Dhaloota Ijaaruu

Finfinnee, Fulbaana 5, 2019 (FMC) — Barnoonni karaa ijoo jijjiirama hawaasummaa, diinagdee fi teeknooloojii taʼuu bira darbee, hawaasa kamiyyuu gara sadarkaa guddinaa fi badhaadhinaa fooyya’aatti ceesisuuf bu’uura dorgomaa hinqabnee dha,

Abdii boruu biyya tokkoo bu’uura cimaa irratti ijaaruuf, humna namaa beekumsaa fi dandeettiidhaan badhaadhe, naamusa gaariidhaan leenjifame fi rakkoolee bu’uuraa naannoo fi biyya mudatan furuuf gahumsa qabu horachuun hojii xiyyeeffannoo olaanaan kennamuufii qabuudha.

Bu’aawwan misoomaa itti fufiinsaan waggoota darbanitti galmaa’an cimsanii itti fufsiisuufis, qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi humna namaa gahumsa olaanaa qabu horachuun jijjiirama diinagdee fi hawaasummaa Itiyoophiyaa keessatti gahee ijoo qabaata.

Har’as guutuu biyyattiitti barnooti bara barnootaa 2019 ifatti kan jalqabame yoo ta’u, barattoonni, barsiisonni fi hawaasni barnootaa miliyoonaan lakkaa’aman gara manneen barnootaatti deebi’anii jiru.

Mootummaan Ida’amuu damee barnootaa akka qaama ijoo ajandaa haaromsaatti fudhachuudhaan hojiiwwan fooyya’insaa bal’aa raawwachaa tureera.

Keessumaa, sochii “Barnoota Dhalootaaf” waggoota sadan darban keessatti gaggeeffameen, humna uummata guutuu sochoosuun qabeenya Birrii biiliyoona 146 ol walitti qabameera. Kanaanis manneen barnootaa haaraan, kutaaleen barnootaa fi bu’uuraaleen misoomaa garaagaraa ijaaraman barattootaaf tajaajilaaf banaa ta’aniiru.

Manneen barnootaa sadarkaa hundatti kitaaboleen kan raabsaman yoo ta’u, hanqina kitaabaa sadarkaa gaditti mul’atu furuufis kitaaboleen dabalataa miliyoona 25 maxxanfamanii raabsamaa jiru.

Kana cinaattis, baay’ina barattoota barnoota isaanii addaan kutanii hir’isuuf, fedhii barachuuf qaban guddisuuf, sagantaan nyaata mana barnootaa bara darbe barattoota miliyoona 8.9 fayyadamaa taasise bara kanas cimee akka itti fufuuf qophiin taasifameera.

Gahumsa ogummaa barsiisotaa fi hoggantoota damee barnootaa guddisuuf tattaaffii taasifameen, waggoota lamaan darban qofa keessatti barsiisota sadarkaa lammaffaa kuma 100 ol leenjisuun danda’ameera.

Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa teeknooloojii ammayyaatiin akka qophaa’anis, kompiitaraa fi sirnoota hojii dijiitaalaa babal’isuun bal’inaan gaggeeffamaa tureera.

Tattaaffiin waliigalaa fi fooyya’insi imaammataa Mootummaan Ida’amuu damee kana keessatti hojiirra oolchaa jiru bu’aawwan gaarii agarsiisuu jalqabaniiru.

Fakkeenyaaf, hirmaannaan barnoota mana barumsaa dura %36.7 irraa gara %59.8tti guddateera. Akkasumas, qormaata biyyoolessaa kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaatti bu’aan barattootaa fi reetii darbuu fooyya’iinsa jajjabeessaa agarsiiseera.

Har’a sadarkaa biyyaalessaatti barattoonni miliyoona 20 ol guyyaa jalqabaa bara barnootaa kanaa manneen barnootaa seenaanii, imala barnootaa isaanii jalqabaniiru.

Manneen barnootaa sababoota garaagaraatiin har’a hojii hin jalqabne, guyyoota muraasa dhufan keessatti guutummaatti hojii barsiisuu akka jalqaban ibsameera.

Yoonas Geetinnatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.