Dhaloota ofitti amanamummaa fi ga’umsa qabu ijaaruuf caalmaatti hojjetamuu qaba – Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 6, 2019(FMC)- Dhaloota ofitti amanamummaa fi ga’umsa qabu ijaaruuf caalmaatti hojjetamuu qaba jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad adeemsi baruufi barsiisuu bara barnootaa 2019 eegaluu ilaalchisee hawaasa barnootaa hundaaf ergaa baga geessanii dabarsaniiru.
Ergaa isaaniin, barattoota biyyattii hundaaf barri barnootaa haaraan kan milkii akka ta’u hawwaniiiru.
Dhaloonni har’aa Itiyoophiyaaf qabeenya guddaa ta’uu kaasanii, barri barnootaa 2019 eegaluu hordofee tokkoon tokkoo barataa beekumsa olaanaa gonfachuuf kutannoon barnoota isaa hordofuun akka qabu hubachiisuun, bu’aa gaarii galmeessisuuf tattaaffii taasisuu akka qabus dhaamaniiru.
Hojiileen misoomaa har’a hojjechaa jirru dhaloota egeree kan bu’uureffatanidha jedhanii, dargaggoonni ammoo fayyadamoo carraa kanaa ta’uu fi seenaa qaroominaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf kutannoo akka qaban amantaa guutuu qabaachuu ibsaniiru.
Tattaaffii dhaloota ofitti amanamummaa fi ga’umsa qabu ijaaruuf taasifamu keessatti carraaqqiin barsiisotaa bu’uura akka ta’es kaasaniiru.
Barsiisonni imaanaa barattoota dadammaqsuu, dandeettii isaanii baasuu fi dorgomtoota akka ta’aniif beekumsa, ogummaafi duudhaalee hidhachiisuu irratti qaban akka itti fufan dhaamaniiru.