Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Wagaagan taaksiin dura Birrii biiliyoona 4.3 bu’aa argate

Finfinnee, Fulbaana 9, 2019 (FMC) – Baankiin Wagaagan bara baajataa 2018 keessaa taaksiin dura Birrii biiliyoona 4.3 bu’aa argadhe jedhe.

Baankichi yaa’ii idilee 33ffaa fi yaa’ii ariifachiisaa waliigalaa abbootii Aksiiyoonotaa 16ffaa gaggeessaa jira.

Bara bajaata kana Birrii biiliyoona 16.4 argachuu fi qabeenyi waliigalaa baankichaa Birrii biiliyoona 100 fi biiliyoona 11.3 qaqqabuu yaa’ichaan ibsameera.

Maallaqni kuufamaan baankichaas Birrii biiliyoona 81.3 gahuu fi Taaksiin dura Birrii biiliyoona 4.3 argachuu, akkasuma bu’aa qulqulluu Birrii biiliyoona 3.1 argachuu himame.

Sharafa alaa Doolaara miiliyoona 300 fi miiliyoona 66 kan walitti qabe yoo ta’u, Birrii biiliyoona 67.3 ammoo liqeessuu himeera.

Masaafinti Iyyaayyuutiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.