Ayyaanota tokkummaa fi waloomaa: Masqalaa fi Irreecha
Finfinnee, Fulbaana 15, 2019 (FMC) –Ayyaanni Damaraa Masqalaa fi Irreechi Finfinneetti akkaataa duudhaa isaanii eeganiin kabajamu.
Duudhaaleen tokkummaa kunneen miidhagina magaalaattii, garaagarummaan faaya isheeti.
Ayyaanoonni dirreetti kabajaman kunneen walitti dhufeenya hawaasummaa sadarkaa olaanaan guddisuun maqaa gaarii biyya sadarkaa addunyaatti ol kaasu.
Yeroo ammaa kana ammoo bu’uraaleen misoomaa ijaaraman ayyaanichaaf miidhagina addaa kennu.
Ayyaanni Damaraa Masqalaa Ayyaanoota mana amantaa kiristaanaa Ortodoksii Waloomaa Itiyoophiyaan addabaabayii irratti kabajaman keessaa isa tokkoodha.
Duudhaa waloomaa, tokkummaa, aaraa fi mallattoo nageenyaa kan ta’e Irreechi Hora Finfinnees kabajamuuf qophiirra jira.
Magaalaa Finfinneetti ammoo addatti akkaataa waloomaa, tokkummaa, jaalalaa fi maqaa biyyaa ijaaraniin kabajamu.
Daawwattoota ayyaanota addabaabayi irratti kabajama ayyaana Damaraa Masqalaa fi irreechaa irratti hirmaataniif tajaajila gahaa kennuuf qophii gahaa taasisuu Komishiniin Turizimii Finfinnee ibseera.
Magaalaan Finfinnee miidhagduu fi hawwattuu taasisuuf hojiiwwan damee hedduun hojjetaman sadarkaa jireenyaa uummataa fooyyeessuu qofa osoo hin taane, ayyaanonni addabaabayi bifa miidhagaa fi hawwataa ta’een akka kabajamuuf haala mijataa uumaniiru.
Ayyaanotni kunneen gumaacha diinagdee damee turizimiin biyyaaf taasisu guddisuu dabalataan walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu.
Fakkeenyaaf, yeroo ayyaanota Masqalaa fi Irreechaa lammiileen biyya keessaa fi daawwattoonni biyyoota alaa miliyoonaan lakkaa’aman irratti kan hirmaatan yoo ta’u, kunis dinagdee Magaalaa Finfinnee fi kan biyyattiif gumaacha addaa qaba.
Aadaa, seenaa fi duudhaalee amantaa garagaraan kan ijaaramte Itiyoophiyaan, Ummanni ishee Baatiin Fulbaanaa abdii ifaa ta’uu isaan bakka guddaa kennuuf.
Yeroon kun jijjiirama haala qilleensaa qofa osoo hin taane, ayyaanota aadaa fi amantii tokkummaa hawaasaa, araara, waliin jireenya fi seenaa tokkummaa biyyaalessaa ifatti kan mul’isan waltajjii waloomaati.
Mootummaan Ida’amuus imala misoomaa fi guddinaa guddaa qabate milkeessuu dursa nageenya, wal-amantaa fi obbolummaa uummattootaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira.
#Oromia #Ethiopia