Itiyoophiyaa: Biyya guddoo, Ummata Guddaa, mul’ata guddaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa: waardiyyaa ijaarsaa biyyaa fi birmadummaa biyyaa!
Wayita haalli yeroo fi mootummaan jijjiiraman, dhaabbilee bu’uura cimaa irratti hundaa’an, kanneen akka Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa, faayidaa biyyaalessaa, birmadummaa fi nageenya uummataa eegsisuuf carraaqan ijaaruun barbaachisaadha.
Diina biyya weeraruuf ykn faayidaa biyyaalessaa tuquuf dhufu daangaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuu fi nageenya eegsisuu keessatti, hanga lubbuu isaa kennuutti cichoominaan fuuldura dhaabbata.
Raayyaan Ittisaa biyyaa durirraa eegalee dandeettii qindaa’aa qabuun daangaa biyyaa eeguun alatti adeemsa nageenya naannawichaa eegsisuu keessatti qooda olaanaa bahachaa ture; har’as itti fufeera.
Humni Raayyaa Ittisa Biyyaa guddummaa Itiyoophiyaaf bu’uura jabaa tahuun kabajaafi birmadummaa biyyattiif gaachanadha.
Itiyoophiyaa guddoof wabii kan tahee Raayyaan Ittisa Biyyaa qormaata kamiyyuu keessatti injifannoon bahuu kan beeku, achii dhuftee isaanii jaalala biyya isaaf dhaabbachuun gootummaa qaba.
Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya fi tasgabbii keessoo biyyattii eeguu bira darbee Bahaa Afrikaa fi biyyoota michootaa keessattis ergama kabachiisa nageenyaa idil-addunyaa itti gaafatamummaan bahachuu keessatti maqaa gaarii fi kabaja guddaa gonfatee jira.
Maqaa isaa kan fakkaatu Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo biyyattiifi bu’uura seenaa kan qabu, lafa deeme maratti miira Itiyoophiyaanummaan kan hojjetu, Itiyoophiyaa guddummaa ishee waliin kan labsu Itiyoophiyaarra darbee gaanfa Afrikaafis guutuu ardiifi handaara lafaatti nagaafi tasgabbii biyyootaaf humna wabii amanamaa tahuun tajaajilaa tureera, har’as tajaajilaa jira, borillee bu’uura jabaa qabuun haalotaan kan hin raafamne tajaajila ittin beekamu humna guutuun kan itti fufuudha.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa qormaata kamillee injifannoon kan bahu Itiyoophiyaanotni kan itti boonan, Afrikaanotni kan irraa baratan tahuun imala guddummaa Itiyoophiyaa eegsisuu itti fufeera.
Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa gootummaa fi ammayyummaa, akkasumas teeknooloojiiwwan waraanaa, beekumsa fi humna namaa leenji’ee kan qabu waan ta’eef, gahee birmadummaa eegsisuu qabuun alatti, sadarkaa addunyaatti nageenyaa fi hojiiwwan namoomaa keessatti hirmaachuun, gootummaa fi gaarummaa Itiyoophiyaa mul’isaa jira.
Birmadummaa biyyaalessaa fi nageenya ummataa mirkaneessuuf Raayyaa Ittisaa cimaa, ammayyaa fi yeroo hunda qophaa’a ta’e qabaachuun murteessaadha.
#Oromia #Ethiopia