Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan koree beenyaa Abbaay Pirojektoota Ijiptiin danqaman gamaaggamu hundeessite- Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa

Finfinnee, Fulbaana 21, 2019(FMC)- Itiyoophiyaan koree beenyaa Abbaay, Pirojektoota Ijiptiin danqaman gamaaggamu hundeessiteetti jedhan Ministirri Ministeera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan.
 
Itiyoophiyaan koree biyyaalessaa kisaaraa diinagdeefi carraalee misoomaa pirojektiiwwan bishaanii sababa Ijiptiin danqaman gamaaggamu hundeessuu Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa ibsaniiru.
 
Hidha Guddicha Haaromsaa dabalatee pirojektoonni misoomaa Ijiptiin danqaman 22 ol korichaan adda bahuu eeraniiru.
 
Korichi pirojektiiwwan kanneen irratti ragaalee gabbisaa akka jiruufi bu’uura gaaffii beenyaa Itiyoophiyaan qorachaa jiraachuu kaasaniiru.
 
Koreen kunis ogeeyyii, Ministiroota duraanii, gorsitootafi ogeeyyii seeraa kan hamate ta’uu eeraniiru.
 
Yeroo ammaa Hidha Guddicha Haaromsaa dabalatee pirojektoota sababa Ijiptiin danqaman irratti ragaaleen walitti qabamuu kaasanii, Ijipt gochaa yakka ta’een hawaasa idil-addunyaa duratti Itiyoophiyaa doorsisuuf yaalaa akka turte dubbataniiru.
 
Gamaaggamni Korichi gaggeessu pirojektoota danqaman qofa osoo hin taane faayidaa hojiileen eegumsa naannoofi bu’uuraaleen misoomaa bulchiinsa bishaanii Itiyoophiyaa biyyoota yaa’a gadiif qabu akka qoratus ibsaniiru.
 
Sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuun biiliyoonni 50 ol dhaabbachuu yaadachiisanii, Baaroo, Abbaay fi Takkazee dabalatee laggeen gurguddoo irratti hojiin misooma sululaa hojjetamuu eeraniiru.
 
Hojiileen eegumsa naannoo kunneen eegumsa qabeenya bishaanii Itiyoophiyaaf akkasumas gahee yaa’a Abbaay’tti dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf taasifte akka qoratu himaniiru.
 
Hidhi Guddichi Haaromsaa yaa’iinsa bishaanii laga Abbayyaa to’achuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu eeranii, biyyoota yaa’a gadii balaa lolaarraa ittisuuf akkasumas waqtiiwwan hanqinni roobaa jirutti dhiyeessii bishaanii itti fufsiisuuf akka gargaaru kaasaniiru.
 
Haalli rooba yeroo ammaa Eelniinoon walqabatee jiru barbaachisummaa bulchiinsa bishaanii qindaa’aa kan agarsiisu ta’uu ibsuun, yaa’iinsa bishaanii to’achuun Sudaan fi Ijipt dabalatee biyyoota yaa’a gadiif faayidaa qabaachuu eeran.
 
Filmaatawwan beenyaa argachuuf hordofamuu qaban ilaalchisees, adeemsi Itiyoophiyaa boqonnaawwan ifa ta’an akka qabu, mariifi waliigalteen waloo filmaata jalqabaa yoo ta’u haalonni biroon ammoo Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan dabalataa akka fudhattu kan taasisan ta’uu ibsuusaanii ENA’n gabaaseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.