Pireezidaantiin Emireetoota Araba Gamtoomanii Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhan
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC) – Pireezidaantiin Emireetoota Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammad Biin Zaayid Alnaahiyaan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin filatamuu hordofee baga gammaddan jedhaniiru.
Akkasuma Pireezidaantii Itti aantoonni biyyattii Sheek Mahaammad Biin Rashiid Almaaktoomii fi Mansur Biin Zaayid Alnaahiyaan Dooktar Abiy Ahimadiin baga gammaddan jedhaniiru.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Wiixata darbe Ministira Muummee biyyattii ta’uun irra deebiin moggaafamuun kan yaadatamuudha.
#MootummaaIda’amuu