Ministirri Muummee Jamaayikaa Andiruu Hoolnees MinistiraMuummee Dooktar Abiy Ahimadiif Ergaa Baga Gammaddanii Dabarsan
Finfinnee, Fulbaana 27, 2019 (FMC) – Ministirri Muummee Jamaayikaa Andiruu Hoolnees Dooktar Abiy Ahimad irra deebiin Ministira Muummee Rippabiliika Dimokraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa ta’uun moggaafamuu isaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.
Ergaa isaanii keessatti, Jamaayikaan hariiroo fi michummaa seena qabeesa Itiyoophiyaa waliin qabduuf gatii guddaa akka kennitu ibsaniiru.
Obbolummaan biyyoota lameenii, Jamaayikaan balaa obonboleettii Hariikeen ‘Maliisaa’ irraa akka bayyanattuuf deeggarsa Itiyoophiyaankenniteen kan mul’ate ta’uu eeraniiru.
Deeggarsi kunis naannolee balaan miidhaman deebisanii ijaaruuf garee teeknikaa erguu, akkasumas manneen barnootaa deebisanii ijaaruu kan dabalatu ta’uu ibsaniiru.
Andiruu Hoolnees ergaa karaa miidiyaa hawaasaa isaanii qoodaniin, hariiroo Jmaayikaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru caalaatti cimsuu fi faayidaa waloo ummatoota biyyoota lameeniif jecha tumsa isaanii daran guddisuuf kutannoon akka hojjetan waadaa galaniiru.
Ministira Muummicha Dooktar Abiy Ahimadiif yeroo hojii marsaa lammaffaa keessattis milkaa’ina guutuu, ummata Itiyoophiyaatiif ammoo badhaadhina cimaa hawwaniiru.
#MootummaaIda’amuu