Muudamni itti gaafatamummaafi dadhabbii guddaa qaba- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Fulbaana 28, 2019(FMC)- Muudamni qananii hedduu kan qabu osoo hin taane itti gaafatamummaafi dadhabbii guddaa kan qabudha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 1ffaa bara hojii 7ffaa bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeesseera.
Walga’ichaan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad kaadhimamtoota miseensota kaabinee dhiyeessuun manni marichaa raggaasiseera.
Haaluma Kanaan muudama miseensota kanneeniif ulaagaan jalqabaa qophaa’ummaa barnootaa ta’us, barnoonni qofti gahaa waan hin taaneef dandeettii raawwachiisummaafi qophaa’ummaa barnootaa isaanii walsimsuuf tattaaffiin taasifameera jedhaniiru Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Kan barate garuu kan hin raawwachiisne yoo ta’e, bu’aa barbaadame fiduu kan hin dandeenya ta’uu ibsuun, damee hojii bobba’an irratti namoota raawwii fooyya’aa qaban makuuf tattaaffiin taasifamuu eeraniiru.
Waggoottan shanan dhufan kutannoo fi ariitiin hojjechuu akka gaafatu ibsanii, namoota dandeettii kanaa qaban hubannoo keessa galchuuf yaalameera jedhan.
Hundaa caalaa Ummaanni miiliyoona 54 ol filannoodhaan imaanaa guddaa nurraa ka’eera; namoota gateettii imaanaa kanaa baachuu danda’an barbaachisa; kun itti gaafatama olaanaa ta’uu namoota hubatan ta’uus eeraniiru.
Dabalataanis malaanmaltummaa kan balfan fi tajaajila ummanni gaafatu kan raawwatan akka ta’aniif yaaliin taasifameera jedhan.
Itiyoophiyaan tarsiimoo guddaa Ida’amuu 2050 qopheessuu kaasanii, tarsiimoo kanaafi yaadamoota tarsiimicha keessatti tarreeffaman haalaa kan hubatan ta’uun isaanii ilaalacha keessa galfamuu ibsaniiru.
Gahumsaafi hunda kana hammate akka ta’uuf tattaaffiin taasifamuus hubachiisaniiru.
Muudamni qananii hedduu kan qabu osoo hin taane itti gaafatamummaafi dadhabbii guddaa kan qabudha jedhan Ministirri Muummee RDFI Dooktar Abiy Ahimad.
Hundarra muudamni qananii hedduu kan qabu osoo hin taane itti gaafatamummaafi dadhabbii guddaa kan qabu akka ta’e haalaan kan hubatan ta’uu mirkaneessuuf tattaaffiin taasifameera jedhan.
Abeel Nawaayiin.
#MootummaaIda’amuu