Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf muuxannoo qonnaa Itiyoophiyaa hojiirran oolcha- Naayijeeriyaa
Finfinnee, Fulbaana 29, 2019(FMC)- Naayijeeriyaan wabii midhaan nyaataa ishee mirkaneessuuf muuxannoo qonnaa Itiyoophiyaa hojiirra oolchuuf karoorsiteetti jedhan Pireezidaantii Ittaanaan biyyattii Kaashiim Sheetiimaan.
Jilli Naayijeeriyaa Pireezidaantii Ittaanaa biyyattii Kaashiim Sheetiimaan durfamu naannoo Oromiyaatti hojiilee misooma qonnaa daawwateera.
Hojiileen misooma qonnaa naannichatti daawwatan dadammaqiinsa misooma damee qonnaa Afrikaaf agarsiistuu ta’uu kaasanii, hojiirra oolmaan tarsiimoo kanaa ardicharra darbees fakkeenya kan ta’udha jedhaniiru.
Itiyoophiyaan bittaa qamadiif wagga waggaan Doolaara biiliyoona 1 baasaa akka turte yaadachiisuun, waggoota dhiyoo asitti garuu misooma qamadii irratti jijjiirama dinqisiisaa argamsiisuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan oomisha qamadiin of danda’uun milkaa’ina diinagdee olaanaa galmeessisuufi ofirra darbitee biyyoota ollaa akka Keeniyaafi Jibuutiif erguu jalqabdeetti jedhan.
Misooma Ruuziitiinis guddina olaanaa akka galmeessiste daawwannichaan hubachuu akka danda’an eeraniiru.
Biyyi isaanii oomisha qonnaa guddisuuf sirna qonnaa ammayyaa Itiyoophiyaa meekaanaayizeeshiniin deeggarame hojiirra oolchuuf karoorsuu ibsaniiru.
Itti fayyadama sanyiiwwan fooyya’an fi mala qonna makaanaayizeeshinii irratti muuxannoo fudhachuun qonna jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamatu hojiirra oolchuuf karoora qabanneerras jedhan.
Biyyoonni nyaataan of hin dandeenye birmadummaa isaanii dabarsanii kennuu akka danda’an ibsuun, dhimmi wabii midhaan nyaataa birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf bu’uura ta’uu kaasaniiru.
Hayilamaariyaam Taganyiin.
#MootummaaIda’amuu