Daa’imman irratti hojjechuun bu’aa qabatamaa galmeessisneerra — Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Fulbaana 29, 2019 (FMC) — Daa’imman irratti hojjechuun invastimantii boruuf hojjetamu ta’uu hubachuun hojii bu’a qabeessa hojjenneerra jedhan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.
Jilli Pirezidaantii Itti Aanaa Naayijeeriyaa Kaashiim Shettiimaan durfamu, milkaa’inoota misoomaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee galmeessite irratti muuxannoo qooddataniiru.
Muuxannoo waljijjiirraa kana keessatti hojiiwwan Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee daa’imman, dargaggoota guddachaa jiran akkasumas sagantaa guddina daa’imman umurii jalqabaa irratti xiyyeeffachuun hojjetaa jiru irratti xiyyeeffatameera.
Kantiibaa Adaanech Abeebee yeroo kanatti akka ibsanitti, daa’imman magaalaa Finfinnee nyaata madaalawaa, tajaajila yaalaa, barnootaa fi iddoowwan bashannanaa nageenyi isaanii eegame akka argataniif hojjetameera.
Finfinneen waggoota shanan darban keessa adeemsa jijjiiramaa keessa turuu kan ibsan Kantiibaa Adaanech, adeemsa kana keessatti hojiiwwan daa’immanii fi dargaggoota guddachaa jiran irratti xiyyeeffatan hojjetamuu dubbataniiru.
Mootummaan Ida’amuu daa’imman irratti hojjechuun invastimantii boruuf hojjetamu ta’uu hubachuun, hojiiwwan bu’a qabeessa daa’imman irratti xiyyeeffatan raawwachuu isaa Aadde Adaanech Abeebee ibsaniiru.
#MootummaaIda’amuu
Fiqirtee Kabbadaatiin