Fana: At a Speed of Life!

Morkii Maanchiister Siitiin PSG waliin taasisu

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2019 (FMC) –Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 2ffaan har’a taphoonni 9 ni taphatamu.

Har’a galgala sa’aatii 1:45 eegalee Feyenoord – Koomoo, Laaski – Liiverpuul waliin taphatu.

Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee morkiin Maanchiister Siitiin Shaampiyoonaa bara darbee PSG waliin taasisu akkaan eegama.

Kilaboonni lamaan ga’umsi yeroo ammaa irra jiran taphichi caalmaatti akka eegamu taasiseera.

Kilaboonni lamaan waltajjii Shaampiyoonsi Liigii Awuroopparratti taphoota waliin taphatan 8 keessaa Siitiin yeroo 4 yoo injifatu, PSG’n si’a 2 injifachuun taphoota 2 ammoo qabxii qooddataniiru.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Roomaa – Riyaal Maadriid, Booddoo Giliimti – Boorshiyaa Doortimund, Riyaal Beetis – Poortoo, Astooni Viilaan -Feenarbaachee, Shakatar Dooneksiin – AEK,akkasuma Isloovan – Istuutgaarti waliin falmiin taasisan ni eegama.

Taphoota eda taphatamaniin SCP 2 – 0 Leensi, Sabah 2 – 0 Islaaviyaa, Atileetikoo Maadriid 2 -0 Maanchiister Yuunaayitiid , Arsenaal 3 – 0 Liil, Baarseloonaa 4 – 1Gaalaataasaraay, RB Leepziing 1 – 0 PSV, Viiraaliyaal 3 – 1 Naappoolii, Kilab Biruuji 4 – 3 Inter Miilaan yoo injifatan, Baayerni Muuniik Viking waliin galchii 3 qixa xumureera.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.