Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan guddina, nageenyaa fi humna naannawaa Afrikaa Bahaaf wabiidha – Obbo Getaachoo Raddaa

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan guddina, nageenyaa fi humna naannawaa Afrikaa Bahaaf wabiidha jedhan Gorsaan Dhimmoota Afrikaa Bahaa Ministira Muummee Getaachoo Raddaan.

Fooramiin Xaanaa 12ffaan mata duree “Karaa Nagaa Afrikaa keessatti, birmadummaa Dinagdee fi Jijjiirama qubsama siyaasaa’ jedhuun Magaalaa Bahiirdaaritti har’aa eegalee gaggeeffamaa jira.

Har’a Yaa’iin ergamtoota addaa Xaanaa Galaanaa Diimaa fi Nageenya Naannawaa Gaanfa Afrikaa ilaalchisee Ergamtoota Addaa Afrikaa Bahaan gaggeeffameera.

Itiyoophiyaa keessatti dameewwan hundaan jijjiiramni argamaa jiru biyyoota naannichaatiif murteessaa ta’uu isaa eeran Gorsaan Dhimmoota Afrikaa Bahaa Ministira Muummee Obbo Getaachoo Raddaan waltajjicharratti argamuun ergaa dabarsaniin.

Kunis dinagdee, siyaasaa fi dhimma nageenyaa irratti biyyoota naannichaatiif dandeettii dabalataa akka uumu ibsan.

Itiyoophiyaan biyya lakkoofsa ummataa miiliyoona 100 fi miiliyoona 30 ol qabdu ta’uu himuun, Guddinni ishee naannawichaaf akkan murteessaa ta’uu hubachiisan.

Itiyoophiyaan Giddu gala dhiyeessii Annisaa naannawichaa qofa akka hin taane kaasuun, diinagdee fi nageenyaafis wabii ta’uu yaadachiisan.

Itiyoophiyaan naannawaa daangaa isheetti nageenyaa fi tasgabbii waareessuuf carraaqqii taasiftu hawaasni idil-addunyaa sirriitti hubachuu akka qabu dubbachuu ENA’n gabaaseera.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.