Magaalaan giddu gala daldalaa turte Asab amma qullaatti hafte –Kantiibaa Ittaanaa Duraanii
Finfinnee, Onkololeessa 13, 2019 (FMC) – Magaalaan giddu gala al ergii fi galchii daldalaa turte Asab amma qullaatti hafteerti jedhan Kantiibaa Ittaanaan duraanii magaalattii obbo Daani’eel Liiban.
Wayita sana magaalaan Asab magaalota sadarkaa jalqabaa jedhaman jahaa keessa tokko turte jedhan obbo Daani’eel Liiban Turtii Faanaa Miidiyaa Korporeeshin waliin taasisaniin.
Magaalaa giddu gala buufataa, Biiroolee Geejjiba galaanaa, Baankiwwanii, Tiraanziitii, al ergii fi galchii turte ta’uu himan.
Giddu gala daldalaa ta’uu isheen bakka jireenya lammiilee hedduu turuu eeran obbo Daani’eel.
Buufata qulqulleessa boba’aa akka Afrikaa Bahaatti guddaa ta’e kan qabdu, bu’uuraalee misoomaa kan guuttattee fi lammiilee hedduuf bakka carraan hojii itti uumamu magaalaa miidhagduu akka turte dubbatan.
Har’a garuu magaalaa namni keessatti hin mul’anne ta’uu ishee himan.
Dhimmi Ulaa Galaanaa dhimma mootummoota adeemsan jijjiiramanii osoo hin taane dhimma birmadummaa fi wabii biyyaa ta’uu eeran.
Bara qaroomina Aksumii eegalee Atsee Yohaannis, Raas Aluulaa Abbaa Naggaa fi kanneen biroon daangaa Galaana Diimaa kabachiisuuf wareegama kaffaluu isaanii eeruun, Galaanni Diimaan diinagdee fi nageenya naannawichaaf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsan.
Yoonaas Geetinnatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa