Bu’uura Tokkummaafi Birmadummaa Itiyoophiyaa: Raayyaa Ittisa Biyyaa
Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2019 (FMC) Ergama olaanaa raawwachuun ibsituu jaalala biyyaa, obsa, cichoominaafi kutannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaati.
Raayyaa Ittisa Biyyaaf Itiyoophiyaan ka’umsa ergama isaa, galma kutannoo isaa, akkasumas hiika wareegama isaati.
Imaanaan Raayyaan Ittisa Biyyaa keenya seenaa isaa keessatti biyyaaf bahate jechaan qofa kan ibsamu osoo hin taane, hojii qabatamaan kan mirkanaa’uudha.
Imaanaan kun birmadummaa biyyaa eeguu, nagaa fi nageenya uummata tiksuu, sirna heera mootummaa kabajuu, akkasumas faayidaa biyyaatiif qophaa’ummaa guutuun dhaabbachuu gaafata.
Dandeettiin Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya leenjii, naamusa, hoggansa qindaa’aa, itti fayyadama teeknooloojii fi amanamummaa ergamaa irratti kan ijaaramedha.
Raayyaa Ittisa Biyyaaf wareegama jechuun jireenya dhuunfaa ofii dhiisuun itti gaafatamummaa biyyaaf dhaabbachuu, yeroo qormaataa cichoomina agarsiisuu, rakkoof jilbeenfachuu dhabuu, akkasumas ergama kenname itti gaafatamummaan raawwachuu jechuudha.
Gootummaan raayyaa jabina qaamaa qofaan kan ibsamu miti. Qophii sammuu, naamusa, murtii sirrii fi ergamaaf kutannoo qabaachuunis gootummaa waraanaa ibsu.
Jabinni Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya yeroo hojii ergamaa qofa osoo hin taane, yeroo nagaa keessattis naamusa ogummaa isaa eeguu, uummata keenya kabajuu, qabeenya uummataa tiksuu fi nageenya cimsuuf gumaacha taasisuun biyyaaf gaachana ta’uu isaa mirkaneessa.
Kabajni Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya amantaa uummata wajjin kan walqabatu waan ta’eef, itti gaafatamummaa isaa guyyaa guyyaan hojii qabatamaan mirkaneessaa jira.
Kanaaf, “Biyya tokkoof wareegama ni kaffalla; isheenis Itiyoophiyaadha!” yaadni jedhu ibsituu kutannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya qofa miti. Waadaa itti gaafatamummaa biyyaa amanamummaan bahuuf, qophii guutuun dhaabbachuuf, naamusa gaariin hogganamuuf, akkasumas nageenyaafi tasgabbii uummata keenyaa hojii qabatamaan mirkaneessuuf waadaa seennedha.
Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa 119ffaan mata-duree “Raayyaa Injifannoo” jedhuun kabajamaa jira.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa