Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya daangaa biyyaa fi uummataa kabajchiisuun gaachana biyyaa fi uummataa ta’uu isaa mul’iseera – Obbo Mahaammad Idiriis

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2019(FMC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa nageenya daangaa biyyaa fi uummataa kabajchiisuun gaachana biyyaa fi uummataa ta’uu isaa qabatamaan mul’isaa jira jedhan Ministirri Ittisaa Obbo Mahaammad Idiriis.

Guyyaan Raayyaa Itiyoophiyaa 119ffaan mata duree “Raayyaa Injifannoo” jedhuun kabajamaa jira.

Obbo Mahammad Idiriis sirna kana irratti argamuun ergaa dabarsaniin, guyyaan RIB baranaa barii raayyichi baandota ergama diinota seenaa biyyattii fudhatanii biyya irratti haleellaa banan tooftaa fi ogummaa olaanaan injifatetti kabajamuu isaan adda akka ta’u ibsan.

Nageenya eeguu fi birmaddummaa biyyaa kabajchiisuu cinattis balaan tasaa wayita uummata mudatu dafee qaqqabee baraaruun aantummaa uummataaf qabu hojii qabatamaan kan argisiise ta’uus kaasaniiru.

Guddina tekinooloojii irra gae fayyadamuunis nageenya saayibarii biyyattii mirkaneessuu keessatti qooda isaa ba’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Raayyichi dirreewwan dirqamaa kamirrattuu aarsaa olaanaa kaffaluun birmaddummaa fi nageenya biyyaa eegsisaa jiruufis galata dhiyeessaniiru.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MullataGuddaa

Yoonaataan Biraanuutiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.