Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa diinota alaafi baandaa keessaa waliin wal waraanaa biyya itti fufsiiseera- Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa

Finfinnee, Onkoloolessa 15, 2019 (FMC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa waggoota 119’f diinota alaafi baandaa keessaa waliin wal waraanaa biyya itti fufsiiseera jedhan Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Humnoota Waraanaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaan.
 
Guyyaan Raayyaa Ittisaa 119faan mataduree” Raayyaa Injifannoo” jedhuun guyyaa har’aa kabajamaa jira.
 
Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa haasawa kabaja guyyichaa irratti taasisaniin, Itiyoophiyaan toora biyyoota dhaabbilee waggoota dheeraa lakkoofsisan hundeessan keessatti akka hammatamtu ibsaniiru.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa waggoota 119 lakkoofsise dhaabbilee hangafa Itiyoophiyaan hundeessite keessaa tokko ta’uu kaasaniiru.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa waggoota 119’f diinota alaafi baandaa keessaa waliin wal waraanaa biyya itti fufsiisuus ibsaniiru.
 
Birmadummaafi tokkummaa biyyattii eegsisuun amala uumamaa Raayyaa Ittisaa ta’uus eeranii, utubaa birmadummaa biyya tokkoo ta’uus hubachiisaniiru.
 
Bara diijitaalaa kana keessa baandonni raayyaa ittisaa ni diigna; mootummaa ce’umsaa hundeessina jedhan baay’achuu ibsuun, yoo mijateef utubaa biyyattii diiguun biyya diiguuf baandonni kajeelan kunneen diinota seenaa Itiyoophiyaan kanneen hogganamaanfi ergama diinaa baatan ta’uu eeraniiru.
 
Bara kana Fulbaanaa 13 “Tsimdoon” Ijipt hanga Kaartuum fi Asmaraatti gurmaa’e ABUTiin ergachuun addawwan Walloo Kaabaa, Waag fi Affaaritti waraana banuufi waraana baneen barbadaa’uu ibsaniiru.
 
Meeshaan karaa buufata Mitsuwwaa ergameefis raayyaa ittisa biyyaan to’atamuu kaasaniiru.
 
Shirri doonota keenyaas karaatti hafeera jedhaniiru.
 
Ayyaanaa Dheeressaan.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.