Fana: At a Speed of Life!

Humnooni Tsimdoo walitti bu’iinsa sabaa fi amantaa uumuuf sochiin taasisan fashalaa’e – Obbo Hayiluu Addunyaa

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – Humnooni Tsimdoo kisaaraa hamaa kaaba Itiyoophiyaatti irra gahe kallattii xiyyeeffannoo jijjiiruuf walitti bu’iinsa sabaa fi amantaa uumuuf sochiin taasisan fashalaa’e jedhan Hogganaan Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaan.

Mootummaan Itiyoophiyaan dantaa biyyaa kabachiisuun biyya guddoo mul’ata guddaa qabdu galmaan gahuuf cichoominaan hojjechaa jiraachuu ibsan Obbo Hayiluu Addunyaan.

Humni diinaa guddina biyyi keenya tarkanfachiisaa jirtu gufachiisuun nagaa fi tasgabbii biyyaa booressuuf sochiin taasisaa jiran yoomiyyuu kan milkoofne ta’uu kan ibsan Obbo Hayiluun, humni tsimdoo kisaaraan irra gahaa jiru, kallattii xiyyeeffannoo mootummaa jijjiiruuf walitti bu’iinsa keessoo babal’isuuf wixxifachaa jira jedhan.

Haaluma kanaan,humni shororkeessaa tsimdoo hojii diigumsa biyyaa irratti bobba’e, Godina Kibba Baha Oromiyaa, Aanaa Sirkaa Ganda Collee fi Birbootti uummata nagaa irratti miidhaa lubbuu fi qabeenyaa qaqqabsiisaniif,Mootummaan Naannoo Oromiyaa gadda itti dhaga’ame ibsaa, qaamoolee badii kana uuman irratti tarkaanfii fudhachuu eegale uummata waliin ta’uun cimsee kan itti fufu ta’uu Obbo Hayiluun eeraniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa namoota sababa rakkoo kanaan miidhamanii fi qe’eef qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif uummata waliin ta’uun deeggarsa barbaachisu kan taasisu ta’uu mirakaneessuu ragaan TKO irraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.