Fana: At a Speed of Life!

ABUT akka hin kaanetti awwaalame – Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – Gareen Seeraan Alaa ABUT torbee lama keessatti Itiyoophiyaan awwaala jedhee ka’us torbee lama keessatti akka hin kaanetti awwaalameera jedhan Itaamaajoor Shuumiin waliigalaa Humna Waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Guyyaan Raayyaa Ittisaa 119ffaan mata duree “ Raayyaa Injifannoo” jedhuun har’a sagantaalee adda addaan kabajamee ooleera.

Ummanni Tigraayiin sababa gareen seeraan alaa ABUT’n waan qabu hunda dhabeera jedhan jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan kabaja guyyaa Raayyaa Ittisaa 119ffaarratti haasawa taasisaniin.

Garichi waggoota 8 keessatti uumama gufuuwwan afuriin dhahame ta’uu eeran.

‎Ijoolleen Ummata Tigraayi dirqiin qabamanii waraanatti geeffamuun dhaloonni akka itti hin fufne taasifamuu kaasan.

Ummanni hojii jaalatuu fi cimaa ture yeroo ammaa waan hunda dhabuun deeggarsa eeggachuuf dirqamuu dubbatan.

Yeroo ammaas hojiin ummata baraaruu hojjetamaa jiraachuu himan.

Gareen seeraan alaa ABUT torbee lama keessatti Itiyoophiyaan awwaala jedhee ka’uus, yeroo torbee lama hin guunne keessatti akka hin deebinetti awwaallameera jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Ummanni Tigraay yaadota, hoggantootaa, nageenyaa fi misooma haaraa kan barbaadu ta’uu himan.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.