Karoorri Of dandahuu, ajandaa misoomaa guddicha hiyyummaafi duubatti hafummaa seenaa taasisuudha – Obbo Masfiin Malaakuu
Finfinnee, Onkololeessa 15, 2019 (FMC) – Karoorri Of dandahuu, ajandaa misoomaa guddicha hiyyummaafi duubatti hafummaa seenaa taasisuuf hojjetamaa jiruudha jedhan Bulchiin Godina Lixa Oromiyaa Obbo Masfiin Malaakuun.
Karoorri Of-Danda’uu fedhii fi gaaffii uummataa deebisuun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf kan qophaa’e ta’uu ibsan.
Milkaa’ina karoorichaatiif gahumsi, kaka’umsi, qindoominni fi itti gaafatamummaan hooggansaa fi uummataa murteessaa ta’uu ibsuun, hooggansi ergama isaa sirriitti hubatee uummata qajeelchuu fi fayyadamummaa isaanii dhugoomsuuf hojjechuu akka qabus yaadachiisan.
Hoggantoonni, hojjettoonni mootummaa, qonnaan bultoonni, dargaggoonni, dubartoonni, abbootiin qabeenyaa fi hawaasni bal’aan qooda isaanii bahachuun hojii oomishtummaa, wabii nyaataa fi of danda’uu dinagdee cimsan irratti waliin hojjechuu qabu jedhan.
Qabeenya jiru sirnaan fayyadamuun, tajaajila mootummaa fooyyessuun, qisaasama ittisuu fi bu’aa hojii madaaluun karaa milkaa’ina waaraati ta’uu kaasan.
Karoora Of danda’uu milkeessuun hojii mootummaa qofa osoo hin taane, tumsa mootummaa fi uummataa kan gaafatu eeraniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa