Fana: At a Speed of Life!

Manneen Barnootaa Magaalaa Maqaleetti argamanitti adeemsi baruu fi barsiisuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2019 (FMC) – Manneen Barnootaa Magaalaa Maqaleetti argaman hunda keessatti adeemsi baruu fi barsiisuu irra deebiin eegaleera.

Sababa gareen seeraan alaa ABUT waraana baneen adda citee kan ture adeemsi baruu fi barsiisuu amma irra deebiin akka eegalu taasifameera.

Adeemsi baruu fi barsiisuu kun har’a Onkololeessa 16, 2019 eegalee jalqabuu ibsameera.

Magaalaa Maqaleetti dhaabbileen barnootaa tajaajila isaanii idileetti akka deebi’anii fi barattoonni barnoota isaanii addaan kutanii turan akka itti fufan tarkaanfii barbaachisaa ta’uu eerame.

Gizaachoo Girmaayeetiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.