Fana: At a Speed of Life!

Darbii Sulula Qinxamaa 3ffaa

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2019 (FMC) – Taphoota CBE piriimeer Liigii Itiyoophiyaa taphoota torbee 4ffaan har’a morkiin darbii Oromiyaa akkaan eegama.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegaluun Istaadiyeemii Yuuniversiitii Hawaasaatti Nageellee Arsii fi Adaamaan falmiin taasisan xiyyeeffannoo argateera.

Kilaboonni lamaan CBE Piriimiyeer Liigii Itiyoophiyaan yeroo 2 waliin kan taphatan yoo ta’u, Nageellee Arsiin yeroo lamaanuu injifannoon galeera.

Har’a Guchiiwwan yeroo 3ffaaf Adaamaa injifachuuf, Leenci Gurraachi immoo injifannoo isaa jalqabaa Nageellee Arsii irratti galmeessuuf morkiin taasisu ni eegama.

Taphoota lamaan waliin taphataniin Nageellee Arsiin galchiiwwan 4 dhaqaa galaan Adaamaa irratti lakkoofsisuu kan danda’e yoo ta’u, Adaamaan ammoo galchiiwwan 2 Nageellee Arsii irratti lakkoofsisuu danda’eera.

Taphoota piriimeer liigichaa bara kanaan hanga ammaatti taphatameen kilaboonni lamaanuu qabxii shan shan walqixa qabu.

Darbii Sulula Qinxaamaa 3ffaa kanaan eenyutu mirgaan gala?
Tapha biroon sa’aatuma walfakkaatuutti morkiin Shaggar Istaadiyeemii Finfinneetti Qidduus Giyoorgis waliin taasisu xiyyeeffannoo argateera.

Kilaboonni lamaan kan dura taphoota 2 kan waliin taphatan yoo ta’uu, taphoonni lamaanuu olaantummaa Shaggariin xumurame.
Shaggar galchiiwwan lama dhaqaa gala Qidduus Giyoorgisirratti lakkoofsiseera.

Qidduus Giyoorgis hanga ammaatti Karra Shaggar saaquu hin dandeenye.

Shaggar taphoota sadan darbanirraa qabxii 4 walitti qabachuun sadarkaa 9ffaarratti yoo argamu, Giyoorgis ammoo qabxii 2 sadarkaa 12ffaarra jira.

Baankiin Daldala Itiyoophiyaa qabxii 7 liigicha yoo dursu, taphoota 4 kan taphate Itiyoo Elektirikii qabxii walfakkaatuun sadarkaa 2ffaa qabateera.

Siifan Magarsaatiin

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.