Fana: At a Speed of Life!

Gamoowwan Ajajaa Kaabaa Raayyaa Ittisaa fi Bu’uuraaleen Misoomaa isaa Tajaajilaan Ala Ta’aniiru

Finfinnee, Onkoloolessa 17, 2019 (FMC) — Magaalaa Maqaleetti kan argamu gamoon Ajajaa olaanaa Ajaja Kaabaa Raayyaa Ittisaa fi bu’uuraaleen misoomaa isaa wayita to’annoo garee seeraan alaa ABUT jala turetti miidhaa guddaan irra ga’uun ibsameera.

Gamoowwan fi kutaan waajjiraalee isaa, qabeenyawwan fi bu’uuraaleen misoomaa isaa tajaajilaaf akka hin miijannetti miidhamuun eerameera.

Gamoon ajajaa olaanaa Ajajaa Kaabaa, sirna ittisaa biyyattii keessatti gahee murteessaa kan qabu yoo ta’u, bulchiinsa waraanaa fi raawwii ergamaatiin dhaabbata barbaachisummaa olaanaa qabu ture.

Miidhaan gamoo fi qabeenya dhaabbatichaa irra ga’e dhaabbilee ittisaa miidhuu qofa osoo hin taane, qabeenya biyyaalessaa tajaajila ala gochuun kasaaraa geessisuus kan agarsiisuudha.

Walumaagalatti, barbadaa’uun gamoo ajajaa olaanaa Ajajaa Kaabaa qabeenya biyyaalessaa miidhuu bira darbee, dandeettii dhaabbatichaa deebisanii ijaaruuf baasii suphaa, deebisanii ijaaruu fi qabeenya guddaa kan barbaachisu akka ta’es ibsameera.

Miidhaa ga’e ragaan mirkaneessuu fi dhaabbaticha gara tajaajila duraaniitti deebisuuf tattaafachuun barbaachisaa ta’uun ibsameera.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa

Gizachoo Girmaayeetiin

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.