Fana: At a Speed of Life!

Qorannoon raawwii hojii Mootummaafi Paartii kurmaana 1ffaa Naannoo Oromiyaa xumurame

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2019 (FMC) – Qorannoon raawwii hojii Mootummaafi Paartii kurmaana 1ffaa bara 2019 Mootummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Bishooftuu, Galma Harsadeetti guyyoota 4f gaggeeffamaa ture guyyaa har’aa xumurame.

Xumura Qorannoo raawwii hojii kanarratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Pireezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Caffee Oromiyaatti bakka bu’aan Mootummaa obbo Kaffaaloo Tafarraa, kallattii hojii kurmaana itti aanuufi milkaa’ina karoora of danda’uu waggoota shanan dhufanii irratti kallattii xiyyeeffannoo fuulduraa kennaniiru.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.