Raayyaan Ittisaa Naannoo Tigraayitti argamu oomisha qonnaa walitti qabe
Finfinnee, Onkololeessa 17, 2019 (FMC) – Raayyaa Ittisaa Ajaja Lixaatti kutaan waraanaa Abdiisaa Aagaa qonnaan bultoota naannoo Tigraayiif oomisha qonnaa walitti qabeera.
Miseensonni kutaa waraanichaa qonnaan bultoota Godina Giddu Galeessa Tigraay aanaa Adeetiif oomisha Xaafii walitti qabaniiru.
Raayyichi ilma ummataa ta’uu isaan birmadummaa biyyaa kabachiisurra darbee hojiilee hariiroo ummataa cimsan raawwachaa jiraachuu Ajajaan Kutaa waraanichaa Leetanaal Kolooneel Gazzahaanyi Baqqalaan ibsaniiru.
Haaluma kanaan, Raayyaan Ittisa Biyyaa iddoolee itti bobba’e hundatti rakkoolee hawaasa naannichaa qooddachuun, deeggaraa fi gaachana uummataa ta’uu isaa hojii qabatamaan mirkaneessaa jiraachuu kaasan.
Qonnaan bultoonni deeggarsi taasifameef gama isanaiin, tasgabbiin yeroo ammaa naannichatti argame gammachuu olaanaa isaanitti horuu himaniiru.
Deeggarsa miseensonni Raayyaa Ittisaa isaaniif taasisan galateeffachuu ragaan Miidiyaan Olaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif erge ni mul’isa.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa