Itiyoophiyaan Afrikaa Keessaa Teeknooloojii Fooyya’aa Hidhachuu Dandeesseetti — Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkoloolessa 18, 2019 (FMC) — Itiyoophiyaan Afrikaa keessaa teeknooloojii fooyya’aa hidhachuu dandeesseetti jedhan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, Itiyoophiyaan xiyyaarota waraanaa Suu-35 jalqabaa Raashiyaa irraa yeroo fudhattu ergaa dabarsaniin, waggoota dhufan keessatti dandeettii ittisaa ishee karaa hedduun akka ijaartu ibsaniiru.
Akka kanaan duraa birmadummaan kadhannaa fi arjooma irratti hundaa’uun argannu hin jiraatu jechuunis hubachusaniiru.
Itiyoophiyaan biyya guddoo, seenaa dheeraa qabduu fi uummata miliyoona 100 fi miliyoona 30 ol qabdu ta’uu kan ibsan Dooktar Abiy Ahimad, dandeettii guddina biyyattiin walsimuun ijaaruu yoo dadhabne, guddaanis ta’e xiqqaan dogoggoruu danda’a jedhaniiru.
Kanaafuu of tiksuuf, akka biyyaatti itti fufuufi dhaloota dhufuuf biyya jabduu dabarsuuf qophaa’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Waliigaltichi yeroon raawwii isaa osoo hin ga’in dursee raawwatamuun deeggarsa guddaa ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, sirna ittisaa S-400 fi xiyyaaronni Su-35 dandeettii guutuun hojii irra oolan hidachuun dandeettii misaa’elota kuruuzii fi baalistikiin dhufan fashaleessuu sadarkaa olaanaadhaan akka guddisu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan dandeettii haleellaa qofa osoo hin taane, dandeettii ittisaas baay’ee guddisuu akka qabdu ibsanii, fuulduratti yeroon biyyatttiin dandeettii waliigalaan itti mul’attu akka dhufu dubbataniiru.
Qajeeltoo “Dursanii dubbachuu caalaa hojjetanii xumuruun agarsiisuu” jedhuun, har’a Itiyoophiyaan Afrikaa keessaa teeknooloojii fooyya’aa hidhachuu kan dandeesse ta’uu ibsaniiru.
Kun lammiilee qilleensa biyyattii haleellaa irraa eegame arguu barbaadaniif guyyaa gammachuu ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad, dandeettii kana itti fufiinsaan ijaaruun Itiyoophiyaa boontuu, cimtuu fi dhalootatti ceetu ijaaruuf akka bu’uuraatti kan itti fayyadamnuu dha jechuun ibsaniiru.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa