Fana: At a Speed of Life!

Qabxiilee ijoo Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad wal harka fuudhiinsa xiyyaarota waraanaa Su-35 jalqabaa ilaalchisee kaasan:

👉 Waggoota muraasa dura sodaa waliigalaa nageenyaa Itiyoophiyaa hir’isuu fi ol’aantummaa qilleensaa argachuuf dorgommii biyyoonni addunyaa taasisaa jiran hubachuun, mootummaa Raashiyaa waliin waliigaltee xiyyaarota waraanaa dhaloota 4ffaa Su-35 walii mallatteessuu;

👉 Yeroon waliigalteen xiyyaarota jalqabaa itti raawwatu bara 2027 ta’us, Pirezidaanti Puutiin waliin Hinditti wayita wal arganii turanitti xiyyaarota kaneen dursa akka dhiyeessaniif gaaffii dhiyaateen xiyyaarota Su-35 marsaa jalqabaa fudhachuu;

👉 Xiyyaarotni Su-35 12 fi sirni ittisa qilleensaa S-400 afur marsaa jalqabaan kennaman dandeettii Itiyoophiyaaf hiika guddaa akka qaban;

👉 Rakkooleen walxaxaan yeroo walitti bu’iinsaa uumaman yeroo nagaa qophii barbaachisu taasisuu dhabuurraa kan maddan ta’uu;

👉 Itiyoophiyaan biyyoota diina ta’an hedduun marfamtee waan jirtuuf, dhaloonni biyya akka qabaataniif fi daangaan qilleensaa ishee akka hin sarbamneef qophii gahaa gochuun akka barbaachisu;

👉 Xiyyaarri Su-35 Itiyoophiyaan hidhatte teeknooloojii ammayyaa qabuun addunyaa irratti xiyyaarota sadarkaa olaanaa qaban keessaa tokko ta’uu fi Lola qilleensaa fi lafa irratti gaggeeffamu raawwachuu kan danda’u ta’uu;

👉 Misaa’eloota kuruuzii fageenya hanga kiiloo meetira 200 irra gahuu danda’an ka’umsa isaanii qorachuun ittisuuf dandeettii akka qabu;

👉 Dandeettii ittisa qilleensaa kana yoo hin ijaarre, akka biyyaatti jiraachuun itti fufuun rakkisaa waan ta’eef, ogeessota leenjisaa turuu fi Xiyyaarotni Su-35 kunneen daangaa qilleensaa Itiyoophiyaa gahumsaan ittisuuf kan gargaaran ta’uu;

👉 Biyyoonni dandeettii waraanaa gahaa qaban salphaatti hin sarbaman. Mootummaan hin qophoofne lolaaf karaa bana; mootummaa qophaa’e garuu lola hambisa. Kanaaf, waliigalteen har’aa hiika guddaa qabaachuu;

👉 Afrikaa Sahaaraa Gadii keessatti Itiyoophiyaan biyya tokkitti xiyyaarota Su-35 qabdu ta’uu fi xiyyaarota Su-34 fi Su-35 fayyadamuun ol’aantummaa qilleensaa ishee mirkaneessuu kan dandeessu ta’uu dha.

#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #Mul’ataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.