Baankichi nageenya saayibarii mirkaneessuuf teeknoolojiiwwan haaraa hojiirra oolchaa jira – Obbo Abbee Saannoo
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2019 (FMC) – Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa nageenya saayibarii mirkaneessuuf teeknoolojiiwwan haaraa hojiirra oolchaa jira jedhan Pireezidaantiin baankichaa Obbo Abbee Saannoon.
Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa Yaa’ii Hubannoo Uumuu Nageenya Saayibarii 3ffaa gaggeessaa jira.
Nageenya baankichaa bifa ammayyaan eeguuf maloonni Ittisa Saayibarii ‘Raayyaa Humna Qilleensaa, Zeeroo Tirastii fi Qophii Kallattii’ jedhaman hojiirra oolaa jiraachuu yaa’ichaan ibsameera.
Baankichi imala waggoota 80 keessatti jijjiirama gabaa fi siyaasaa, nageenya saayibarii dandamachuun biyyaa fi ummata amanamummaan tajaajilaa turuu Pireezidaantiin Baankii Daldala Itiyoophiyaa obbo Abbee Saannoon dubbataniiru.
Baankiin daldalaa Itiyoophiyaas amantaa maamiloota isaa miiliyoona 48 eeguuf, sa’aatii 24/7 guutuu sirna nageeya saayibarii cimaa ijaaruun akkasumas karaa wiirtuu bilbila tolaa 951 xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuu pireezidaant Abbeen beeksisaniiru.
Maqaa gaarii Baankiin Daldalaa Itiyoophiyaa tattaaffii waggoota hedduutiin ijaarrate bara dijiitaalaa kana keessatti eegsisuun ittigaafatamummaa waliinii hojjettoota fi qooda fudhattoota hundaa ta’uun ibsaniiru.
Qiddisti Taasfaayeetiin