Fana: At a Speed of Life!

Galmi imaammata qonnaa oomisha baay’isuu qofaan hin daangeffamu! – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) – Qonni Oromiyaa damee oomishaa qofa osoo hin taane, madda carraa hojii, galii, wabii nyaataa, qusannaafi invastimantii ta’uu qaba jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Kanaaf, galmi imaammata qonnaa omisha baay’isuu qofaan daangeffamuu hin qabu jedhan.

Qonnaan bulaa oomishtummaa olaanaa qabu, galii guddisu, qabeenya horatu, gabaa keessatti hirmaatuufi jireenya isaa fooyyeffatu ijaaruu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Qonna ammayyeessuun galma dhumaa osoo hin taane, ce’umsa caasaa dinagdee Oromiyaa saffisiisuuf ka’umsa murteessaa akka ta’e kaasan.

Kallattii kanaan, jallisii, teeknoolojii, sanyii fooyya’aa, qorannoo, faayinaansii fi sirna galtee ammayyaa qonnaan bultoota biraan gahuun barbaachisaadha jedhan.

Akkasumas, qonnaan bultoota gabaafi indastirii waliin walitti hidhuun, oomisha qonnaa gara galii itti fufiinsa qabuutti jijjiiruun dhimma xiyyeeffannoon hojjetamaa jiru ta’uu dubbatan.

Imaammanni qonnaa bu’aa yeroo gabaabaa qofa osoo hin taane, dandeettii oomishtummaa, qusannaafi invastimantii qonnaan bulaa yeroo dheeraa keessatti cimsuu irratti xiyyeeffachuu akka qabu hubachiisan.

Ce’umsi qonnaa milkaa’aan qonnaan bulaa daawwataa misoomaa irraa gara abbaa jijjiiramaafi dinagdee isaa keessatti hirmaataa bu’a qabeessa ta’etti ceesisuu akka qabus eeraniiru.

Qonnaan bulaan oomishaafi oomishtummaa irratti murteessuu, gabaa argachuu, sona oomisha isaatti dabalamu irraa fayyadamuufi qabeenya isaa guddisuu danda’uu qaba.

Qonni yeroo akkasitti gurmaa’e, bu’uura badhaadhina maatii, hojii uumuufi of-danda’uu dinagdee Oromiyaa ta’a jechuun ibsuu isaanii ragaan Waajjira Pireezidaantii Mootummaa Naannichaarraa argame ni mul’isa.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.