Morkii darbii Oromiyaa Shaggarii fi Nageellee Arsii gidduutti gaggeeffamu
Finfinnee, Onkololeessa 20, 2019 (FMC) – Taphoota CBE Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 5ffaan morkiin Shaggarii fi Nageellee Arsii gidduutti gaggeeffamu ni eegama.
Har’a waaree booda sa’aatii 9:00 eegalee Kilabni Magaalaa Shaggar Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Nageellee Arsii keessummeessa.
Kilaboonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 3 keessaa Nageellee Arsiin yeroo tokko injifachuun taphoota 2 ammoo qabxii qooddataniiru.
Nageellee Arsiin taphoota sadan kanaan galchiiwwan 6 Shaggar irratti yoo lakkoofsisu, Shaggaris galchiiwwan 3 Nageellee Arsiirratti galcheera.
Taphoota Piriimeer Liigichaa arfan taphatamaniin Nageellee Arsiin qabxii 8 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaarratti yoo argamu, Shaggar qabxii 5’n sadarkaa 7ffaarra jira.
Sagantaa biroon waaree booda sa’aatii 10:00 jalqabee Halaabaan Istaadiyeemii Halaabaatti Hadiyyaa Hoosa’iinaa keessummeessa.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa