Sosochii galaanarraa saffisiisuuf biyyoonni naannawichaa tumsaan hojjechuu qabu- Vaayis Admiiraal Kinduu Gazzuu
Finfinnee, Onkoloolessa 20, 2019( FMC)- Sosochii galaanarraa saffisiisuufi rakkoolee mudachuu malan furuuf biyyoonni naannawichaa tumsaan hojjechuu qabu jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Galaanaa Itiyoophiyaa Vaayis Admiiraal Kinduu Gazzuun.
Qopheessummaa Qajeelcha Waliigalaa Humna Galaanaa Itiyoophiyaan Fooramiin Ajajoonni Humna Galaanaa Yaman, Oomaan, Jibuutii, Soomaaliilaand fi Puuntilaand irratti hirmaatan gaggeeffamuun ni yaadatama.
Fooramichi biyyoonni naannawichaa hojii lubbuu baraaruu fi nageenyaa galaanarraa irratti irratti muuxannoo wal jijjiiraniiru.
Vaayis Admiiraal Kinduu Gazzuu, gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaa akka deebi’u eeruun, fooramichi biyyoota naannawichaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Humni Galaanaa Itiyoophiyaa jabaachaa dhufe dhimmoota naannawaafi ardii irratti mari’achuuf gahumsa akka qabuufi filatamaa ta’uu kaasanii, fooramiin yeroo jalqabaaf qophaa’e kunis agarsiistuu ta’uu eeraniiru.
Rakkoon nageenyaa ulaa Hoormuuz irratti mudate biyyoota dhiibbaa keessa galchaa akka jiru ibsanii, rakkoolee galaanarraa ittisuufi furuuf biyyoonni naannawichaa tumsaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Biyyi humnan qaba jettu kamiyyuu sosochii galaanarraa saffisiisuufis ta’e rakkooleen yeroo mudatan qofaa furuu akka hin dandeenye kaasanii, rakkoolee ittisuuf tumsi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoo guddaan fooramichaas kana hubannoo keessa kan galche ta’uu dubbachuu isaanii Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa