Fana: At a Speed of Life!

Kaappitaalli Waliigalaa Baankii Awaash Birrii Biiliyoona 90 Ol Ga’e

Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2019 (FMC) – Baankiin Awaash bara baajataa 2025/26 keessa kaappitaalli waliigalaa isaa birrii biiliyoona 90 ol ga’uu beeksise.

Baankichi har’a yaa’ii Waliigalaa Idilee 31ffaa fi yaa’ii Ariifachiisaa 19ffaa abbootii aksiyoonaa gaggeesseera.

Walitti-qabaan Boordii Daayirektarootaa Obbo Gurree Kumsaa wayita kana akka dubbatanitti, baankichi dameewwan 5 fi hojjettoota 137n hojii jalqabe.

Waggoota 32 darban keessattis hojii isaa cimsuun yeroo ammaa lakkoofsa dameewwanii kuma tokkoo ol, lakkoofsa hojjettoota isaa immoo kuma 20 fi 658’n ga’achuu danda’eera.

Bara baajataa xumurame keessatti qabeenyi waliigalaa baankichaa birrii biiliyoona 600 fi biliyoona 24 ol kan ga’e yoo ta’u, galiin waliigalaa isaa ammoo birrii biiliyoona 84.6, maallaqni kuufamaa birrii biiliyoona 400 fi biiliyoona 69.3, liqiin isaas birrii biiliyoona 200 fi biliyoona 74.1 ol gahuu Obbo Gurreen ibsaniiru.

Baankichi bara baajataa darbe bu’aa hin qulqullaa’in birrii biiliyoona 38.3 galmeessuusaa Obbo Gurreen dubbataniiru.
Kana malees, gibira galii birrii biiliyoona 15.77 kaffaluu fi sharafa alaa Doolaara biiliyoona 2.6 ol argamsiisuun dinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa taasisuusaa ibsaniiru.

Baankiin Awaash milkaa’ina faayinaansii galmeesse cinatti, itti gaafatamummaa hawaasummaa bahuuf deeggarsa birrii miiliyoona 500 ol kennuunis ibsameera.

Milkaa’ina waliigalaa galmeesseefis, dhaabbata “Global Finance” jedhamu irraa badhaasa “Baankii Itiyoophiyaa filatamaa” jedhamu yeroo shan walitti aansuun, akkasumas badhaasa WSBI-ESBG (SDGs) yeroo lammaffaaf argachuun beekamtii idil-addunyaa argachuusaa Obbo Gurreen kaasaniiru.

#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.