Misooma Qamadii seenaa Itiyoophiyaa jijjiire
Finfinnee, Onkololeessa 25, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan bittaa qamadiif wagga waggaan hanga Doolaara biiliyoona 1 baasaa turte.
Waggoota dhiyoo asitti garuu misooma qamadii irratti jijjiirama dinqisiisaa galmeessite.
Inisheetiivii misooma qamadii Itiyoophiyaatti hojiirra oole qamadii alaa galchaa turte hambisuun fedhii lammiilee guutummaatti guutuu danda’eera.
Oomishtummaan qamadii waggaa dhaa waggaatti guddachaa dhufe kun fedhii biyyaa keessaa guutuu irra darbe gabaa alaatti ergamuun sharafa alaa argamasiisuu jalqabeera.
Bara 2018 Itiyoophiyaan qamadii kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 18 ol oomishuun biyya Afrikaarraa oomisha qamadiin tarree jalqabaarra jirtu taateetti.
Bara 2018 Waqtii gannaa sadarkaa biyyaalessaatti lafti heektarri miiliyoonni 4.5 qamadiin misoome waqtii bonaas cimee itti fufuun waliigala lafti heektaara miiliyoona 8.5 hanga heektaara miiliyoona 9tti qamadiin misoomeera.
Kanarraa callaa kuntaallii miiliyoonni 300 fi miiliyoonni 18 argameera.
Kanaanis Itiyoophiyaan biyya Afrikaarraa oomisha qamadiin tarree jalqabaarra jirtu taateetti.
Oomishni qamadii Itiyoophiyaa bara oomishaa 2018/19
oomisha waggaa darbeerraa % 8’n ni guddataan eegama.
Itiyoophiyaan oomisha qamadiin of danda’uun milkaa’ina diinagdee olaanaa galmeessisuufi ofirra darbitee biyyoota ollaa akka Keeniyaafi Jibuutiif erguu jalqabdeetti.
Milkaa’inni Itiyoophiyaan oomisha qamadiin yeroo gabaabaa keessatti galmeessiste biyyoota Afrikaaf fakkeenya guddaa ta’eera.
Bu’aan Itiyoophiyaan oomisha qamadiin argamsiifte kunis waltajjiiwwan sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaatti dinqisiifannaa olaanaa argateera.
Oromiyaatti bara oomishaa kana Jallisii Bonaan Qamadii Lafa hektaara miiliyoona 4.03 irratti misoomsuun callaa kuntaala miiliyoona 100 fi miiliyoona 68.3 ol argachuuf hojjetamaa jira.
Hanga ammatti lafti hektaarri miiliyoonni 1 fi kumni 400 fi kumni 60 qotamuun hektaarri kumni 700 fi kumni 59 fi 620 ammoo faca’eera.
Bu’aan Ida’amuu rakkoolee duraanii maksuun Itiyoophiyaa badhaatuu, kabajamtuu fi jabeettii taate kan imalli guddina ishee hin dhaabanne mirkaneessaa jira.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa