Fana: At a Speed of Life!

Yaa’ii 2ffaan Paartilee Siyaasaa Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019(FMC)- Yaa’ii 2ffaan Paartilee Siyaasaa Afrikaa mata duree “ Guddina Hogganuu; Paartileen Siyaasaa wixinee egeree diinagdee Afrikaa bocu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
 
Yaa’ii Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jiru kanarratti Ministiroonni, hoggantoonni Paartilee Siyaasaa, Miseensonni Paarlaamaa, dubartoonniifi dargaggoonni biyyoota Afrikaa garaagaraarraa walitti babba’an, bakka buutonni dhaabbilee deeggartoota misoomaafi dippiloomaatonni hirmaachaa jiru.
 
Oolmaa guyyaa har’aan waltajjiin  hoggansa siyaasaa dubartootaafi dargaggootaa ni gaggeeffama.
 
Masaafint Birilleetu gabaase.
 
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.