Finfinnee: Bakka Abdii fi Egereen Waloo Ardichaa Itti Mari’atamu
Finfinnee, Onkoloolessa 26, 2019 (FMC) – Finfinneen magaalaa guddoo Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, magaalaa guddoo fi waloo Afrikaanotaa, wiirtuu marii, tumsaa, dippiloomaasii fi furmaata waloo ardichaa ta’aa dhufteetti.
Hojiiwwan misooma magaalaa Mootummaa Ida’amuutiin hojjetaman keessatti, milkaa’inni misoomaa Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti galmeessite bifa magaalattii jijjiiruu bira darbee sadarkaa idil-addunyaatti filatamummaa ishee guddiseera.
Bu’uuraaleen misoomaa fooyya’an, koriidoroowwan magaalaa ammayyaa, misoomni qarqara laggeenii, hojiiwwan misooma magariisaa, bu’uuraaleen daandii fi geejjibaa, akkasumas iddoowwan bashannanaa fi hawwata tuurizimii magaalattii bareedduu, mijattuu fi ammayyaa taasisuun taateewwan idil-addunyaatiif wiirtuu filatamtuu akka taatuuf gargaareera.
Har’a Finfinneen bakka hoggantoonni Afrikaa, dhaabbileen idil-addunyaa, hawaasni daldalaa, abbootiin qabeenyaa, turistoonni fi michoonni misoomaa itti wal qunnaman ta’uu bira darbee, waltajjii abdii fi egereen waloo ardichaa irratti mari’atamu taateetti.
Kunis tuurizimii konfaransii guddisuu, dinagdee magaalattii dammaqsuu, carraawwan hojii uumuu fi dorgomummaa idil-addunyaa ishee cimsuu keessatti dandeettii guddaa qaba.
Adwaan mallattoo tokkummaa Afrikaa, bilisummaa fi mul’ata egeree waliiniiti. Paartileen siyaasaa Afrikaa Finfinnee keessatti, Muziyeemii Yaadannoo Injifannoo Adawaa kan seenaa injifannoo fi bilisummaa ummatoota gurraachaa ta’e keessatti walga’ii isaanii gaggeessuun filannoo iddoo walga’ii qofa osoo hin taane, hiika seena qabeessa, siyaasaa fi ardii bal’aa qaba.
Adawaan seenaa injifannoo Afrikaanonni tokkummaa, gootummaa fi dandeettii ofiin murteeffachuu isaaniitiin hawwii koloneeffannaa ittiin fashaleessan, seenaa kabajaa fi boonsaa ummatoota gurraachaa ti.
Har’a humnoonni siyaasaa Afrikaa iddoo seena qabeessa kana keessatti walitti qabamuun isaanii, injifannoo waloo darbe yaadachuun qormaatawwan waliinii ardichaa marii, waliigaltee fi tumsaan furuuf kutannoo qabaachuu kan agarsiisu ta’uu odeeffannoon Waajjira Kantiibarraa argame ni mul’isa.
Kunis Finfinneen magaalaa guddoo seenaa bilisummaa Afrikaa qofa osoo hin taane, wiirtuu marii siyaasaa, waliigaltee ardii, furmaata waloo fi mul’ata egeree tokkummaarratti hundaa’e ta’uu ishee kan mirkaneessu carraa seena qabeessa dha.
Finfinneen akkuma maqaa ishee haaraa fi bareedduu ta’aa, duudhaa seenaa fi aadaa ishee misooma magaalaa ammayyaan walitti makuun, taateewwan siyaasaa, dippiloomaasii, dinagdee, aadaa, saayinsii fi ispoortii gaggeeffamaniif wiirtuu filatamtuu ta’uu ishee cimsachaa jirti.
Kun bareedina magaalattii qofa osoo hin taane, mul’ata guddaa tokkummaa Afrikaa, tumsa fi badhaadhina waloo guddisuu kan kaayyeffateedha.
Finfinneen magaalaa guddoo waloo Afrikaa, biyyoonni fi dhaabbileen idil-addunyaa itti wal qunnaman, keessatti mari’atan, furmaata waliinii itti maddisiisanii fi addunyaan itti walitti qabamtuudha.
#Itiyoophiyaa #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #Mul’ataGuddaa