Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee Itiyoophiyaan jijiirama qabeenya qilleensaarratti hojjechaa jirtu beeksisuuf COP- 31 carraa uume- Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos

Finfinnee Onkololeessa 30, 2019 (FMC)- Hojiilee Itiyoophiyaan jijiirama qabeenya qilleensaarratti hojjechaa jirtu beeksisuuf COP- 31 carraa guddaa uumeera jedhan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootiwoos.

Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos Yaa’ii COP -31 ilaalchisee ibsa kennaniin, hojiilee ijoo Itiyoophiyaan yaa’ichaaf hojjechaa jirtu ibsaniiru.

Mariin yaa’ii COP-31 bu’aa qabeessa ta’ee milkaa’ina COP -32’f bu’uura cimaa akka kaa’u taasisuuf galma ijoo ta’uu eeruun, kana milkeessuuf Turkiyyee fi Awustiraaliyaan qindoominaan hojjechaa jiru jedhan.

Kana malees qaamolee michootaa COP-32 waliin waliigaltee waloo uumuuf akkasumas waa’ee kaayyoo fi yaada Itiyoophiyaan qabdurratti marii bal’aa gaggeessuun dhimma xiyyeeffannoon kennameef ta’uu eeraniiru.

Akkasumas hawaasni idil addunyaa yaa’ii COP- 32 hawwiin akka eeguufi hirmaattonni lakkoofsaan heddu ta’an yaa’icharratti akka hirmaatan taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan akka biyyaatti, akkasumas hojiilee jijjiirama qabeenya qilleensaa ittisuuf hojjechaa jirtu hawaasa idil addunyaaf bal’inaan beeksisuu fi muuxannoo ishee addunyaaf qooduuf waltajjii carraa guddaa uumu ta’uu kaasaniiru.

Yaa’iin COP-31 Turkiyyee Antaaliyaatti guyyaa har’aa gageeffamuu eegaleera.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.