Ashaaraa Magariisaa Bu’uura Milkaa’inaa…
Finfinnee, Onkololeessa 30, 2019 (FMC)- Itiyoophiyaan biyyoota jijjiirama qilleensaa ittisuuf hojii qabatamaa hojjechaa jiran keessaa tokko ta’uuf tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhachaa jirti.
Keessumaa, inisheetiivii Ashaaraa Magariisaa waggoota darban keessatti hojiirra oolchaa jirtu, qabeenya uumamaa kunuunsuu, uwwisa bosonaa guddisuu, lafa manca’e deebisanii misoomsuu fi diinagdee magariisaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qaba.
Sagantaan kun hojii biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, hirmaannaa hawaasaa guddisuu, qonna ammayyeessuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi dhaloota egeree naannawaa magariisaa fi fayya qabeessa dhaalchisuuf bu’uura kaa’aa jira.
Milkaa’inni sagantaa kanaa Itiyoophiyaan yaa’ii COP32 bara 2027 magaalaa Finfinneetti keessummeessuuf taasisaa jirtuufis muuxannoo qabatamaa ta’ee dhiyaateera.
Ashaaraan Magariisaa bara 2019 irraa eegalee hojii eegumsa naannoo gara sochii biyyaalessaatti guddateedha.
Kunis Itiyoophiyaan jijjiirama qabatamaa argamsiisuu eegaluu isheef ragaa idil addunyaa kan kennedha.
Sagantaa kanaan biqiltuu biiliyoonaan lakkaa’aman dhaabuu, bosona manca’e deebisanii ijaaruu, lafa qonnaa fi naannawaa uumamaa kunuunsuu irratti kan xiyyeeffateedha.
Bu’aan Ashaaraa Magariisaas uwwisa bosonaa guddisuu, lafa manca’e deebisanii misoomsuu, biyyee dhiqama irraa baraaruu fi madda bishaanii kunuunsuu keessatti mul’ateera.
Hojiileen kunneen jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu, sirnakoo eeguu fi jireenya hawaasaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa bahataniiru.
Akkasumas, sagantaan kun biqiltuu bosonaa qofa osoo hin taane, biqiltuuwwan kuduraa fi muduraa , nyaataa fi nyaata beeyladaa ta’anis hammachuun qonnaan bultootaaf carraa oomishaa fi galii dabalataa uumaa jira.
Kunis eegumsa naannoo fi misooma diinagdee walitti hidhuun wabii nyaataa cimsuuf gargaara.
Milkaa’ina Ashaaraa Magariisaa keessatti hirmaannaan hawaasaa gahee olaanaa bahateera.
Dargaggoonni, dubartoonni, qonnaan bultoonni, manneen barnootaa, dhaabbileen mootummaa fi dhuunfaa sagantaa kana keessatti hirmaachuun eegumsa naannoo hojii mootummaa qofa osoo hin taane itti gaafatamummaa waliinii ta’uu ifatti mul’isaniiru.
Itiyoophiyaan milkaa’inoota damee kanaan galmeessiteerraa ka’uun COP32 bara 2027 magaalaa Finfinneetti keessummeessuuf qophii taasisaa jirti.
Yaa’iin kun biyyoota addunyaa, dhaabbilee idil addunyaa, ogeeyyii fi qaamolee jijjiirama qilleensaa irratti hojjetan walitti fiduun furmaata waloo irratti mari’achuuf carraa bal’aa uuma.
Haaluma kanaan Ashaaraan Magariisaa muuxannoo Itiyoophiyaan addunyaaf dhiyeessuu dandeessu keessaa isa ijoodha.
Sagantaan kun jijjiirama qilleensaa ittisuuf yaada qofa osoo hin taane hojii qabatamaan raawwatame agarsiisa.
Biqiltuu dhaabuu, bosona deebisanii misoomsuu, lafa manca’e
Itiyoophiyaan qophii COP32 keessatti eegumsa naannawaa qofa irratti osoo hin taane, misooma magaalotaa, geejjiba qulqulluu, anniisaa haaromfamuu danda’uufi bu’uuraalee misoomaa magariisaa irratti xiyyeeffannoo kennuun hojjechaa jirti.
Keessumaa, misooma magariisaa Finfinnee, iddoowwan magariisaa babal’isuu, qulqullina qilleensaa fooyyessuu fi sirna geejjibaa naannawaa hin faalleessine cimsuun yaa’ichaaf qophii taasisuu keessatti gahee qaba.
Akkasumas, Itiyoophiyaan Yaa’ii qabeenya qilleensa Afrikaa 2ffaa Fulbaana 2025 Finfinneetti keessummeessuun marii jijjiirama qilleensaa sadarkaa Afrikaatti gaggeeffamuuf muuxannoo argatteetti.
Muuxannoon kun qophii COP32 keessatti qindoomina, dandeettii keessummeessummaa fi tumsa biyyoota Afrikaa cimsuuf bu’uura ta’uu danda’a.
Yaa’iin kun Carraa Itiyoophiyaan addunyaaf muuxannoo itti qoodduu fi caalmaatti immoo irra qooddatu ishee taasisa.
Akkasumas,Itiyoophiyaan yaa’ichaan muuxannoo Ashaaraa Magariisaa qooduun, sagalee Afrikaa cimsuun, tumsa idil addunyaa babal’isuu fi furmaata jijjiirama qabeenya qilleensaa keessatti gahee ishee bahachuu dandeessi.
Ashaaraan Magariisaa dhaloota har’aa fi boruuf dhaala magariisaati.
Tsahaay Gulummaatin.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa