Fana: At a Speed of Life!

Karoora Ofdanda’uutiin Industiraalummaa milkeessun onnee ce’uumsa Oromiyaati -Pirezidaanti Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 30, 2019 (FMC) – Karoora Ofdanda’uutiin Industiraalummaa milkeessun onnee ce’uumsa Oromiyaati jedhan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Karoorri Ofdanda’uu indastraawummaa waamaraa mirkaneessuun gufuuwwaan ce’uumsaa bu’uurarraa hiikuu, darbees badhaadhina hundagaleessaa mirkaneessuudha.

Indastiraalummaan gulantaa omishti itti raawwatamudha. Kunis, ogummaa qabaachuu, bu’uuraalee misoomaa babaldhisuufi anniisaa omishuu, omisha maashinaan deeggaruu, teknoolojiitti dhimma bahuu, oomishtummaa olaanaa mirkaneessuufi faayinaanshiyaal kaappitaaliidha.

Tarkaanfii murteessaa kana milkeessuuf, ogummaafi dhaweessummaa, maashinootaafi teknoolojii, faayinaansii, oomishtummaa, akkasumas inisheetivii Haaromeefi magaalomsuu haara akka mootoraatti dhimma kan itti baanu ta’a.

Gama birootiin, Karoora Ofdanda’uu indastiraalummaan ifuu qabu kana, haaromsa aadaa Oromoo hojiirra oolchuun, humnoota waloo, badhaadhina maatiifi human mootummaa qindeessinee fayyadamuun, ummataan, sirna ittigaafatamummaa cimaa diriirsuun, akkasumas Yaadama Ida’amuufi Karoora Ofdanda’uu fayyadamnee kan hoogganuu barbaachisa.

Kunis sadarkaa maatiifi gandaa irraa eegalee hanga caasaa olaanaatti safartuuwwan madaallii kan taa’edha.

Sadarkaa Maatiitti: hamma beekumsii itti omishameefi ogummaan itti horatame; maashiniifi teknoolojiin itti babaldhate; qusannaafi hirmaannaan invastimantii ittiguddate; Haaromeefi qulqullinni jiruuf jireenya ummataa itti dhugoome; hundaa’ol sadarkaa ce’umsi hawaas-dinagdee qabatamaa itti mirkanaa’een kan madaalamu ta’a.

Sadarkaa Gandaatti: bishaan, biyyee, namaafi nageenya qixaan bulchuu; bekumsaafi ogummaa dabalatee waan mara sadarkaa indastiraalawaatti omishuu; qusannaafi invastimantii sadarkaa olaanaatti ceesisuu, dandeetti damdamannaa horachuu; Haaromee dhugoomsuu; anniisaa haaromeefi indastiraalummaa sochoosu omishuu; oomishtummaa gandaa sadarkaa olaanaatti ceesisuu akkasumas qabeenyaafi abbaa qabeenyaa sadarkaa olaanaatti horachuun kan madaalamu ta’a.

Adeemsi kun, sadarkaa aanaa, godinaafi sektaraaleettis, bifuma walfakkaatuun gulantaa isaanii eeguun kaa’ameera.

Karoora ofdanda’uu milkeessuun waadaa galuu qofa miti; humna qabnu hubachuufi sirnaan qindeessuu, gufuuwwan mudatan irraa barachuu, hanqina sirreessuufi bu’aa qabatamaa jireenya ummataa keessatti muldhatu dhugoomsuu, hundaa’ol ammoo ce’umsa sirnaawaa fulla’iinsa qabu mirkaneessuudha.

Walumaagalatti, tarkaanfiin kamuu diinagdee jabaa uumuu, dhaloota dorgomaa horachuufi sirna jabaa ijaaruutti kan nubaasu ta’uu yeroo yerootti giddugaleessa kanaan kan ilaalamu ta’a-WPMNO.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.