Damee Albuudaa, Diinagdee Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa bane
Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Itiyoophiyaan qabeenya Albuudaa heddu qabaattus, yeroo dheeraaf faayidaa dinagdee osoo irraa hin argatiin turte.
Biyyattiin qabeenya uumamaatiin kan badhaate taatus, dameen Albuudaa dinagdee biyyaatiif gumaachi gochaa ture xiqqaadha.
Dameen albuudaa qabeenya uumamaa biyya tokkoo gara guddina dinagdee, carraa hojii uumuu, galii sharafa alaa argamsiisuu fi indaastirii guddisuuf shoora olaanaa qaba.
Mootummaan waggootan darban damee Albuudaaf xiyyeeffannoo kennuun albuudni utubaawwan dinagdee biyyaalessaa shanan keessaa tokko taasisee hojjechaa jira.
Kanaanis Albuuda lafa jala jiru gara badhaadhina qabatamaa fi ce’umsa teeknooloojiitti jijjiiraa jira.
Mootummaan invastaroota biyya keessaa fi biyya alaa damee albuudaa irratti hirmaachisuuf fooyya’iinsa imaammataa fi seeraas taasiseera.
Adeemsa eeyyama albuudaa kennuu fooyyessuu, Odeeffannoo teessuma lafaa fi qorannoo albuudaa invastarootaaf salphaatti argamsiisuu, Invastimantii albuudaa keessatti hirmaannaa mootummaa fi damee dhuunfaa cimsuu akkasumas, meeshaalee kaappitaalaa galchuu irratti xiyyeefatee hojjechaa tureera.
Kunis dameen Albuudaa teeknooloojiin deegaramee dinagdee biyyaa cimsuu fi birmadummaa dhugoomsuuf utubaa cimaa akka ta’u taasisaa jira.
Hojiilee waggoottan darban hojjetamaniin oomishni albuudaa guddachuun galii sharafa alaa biyyattiin argattu dachaan dabaleera.
Oomishni Warqii bara 2012 toonii 3.3 ture bara 2017tti gara toonii 38.83tti guddachuun, galii sharafa biyya alaa Doolaara biiliyoonaan lakkaawwamu argamsiiseera.
Pirojeektonni gurguddoon akka Kurmuk, Tulluu Kaappii fi Miidrook Matakkalii fi Etinoo Maayiniingiin oomisha damee Albuudaa dabaluu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru.
Dhaagaa Cileen, omishni Simintoo fi kanneen biroon hedduminan biyya keessatti oomishamuun sharafa alaa haala olaanaan hambisuu danda’eera.
Waggaa tokko keessatti Warqii gabaa alaatti ergame irraa galiin Doolaarri biiliyoonni 5.5 argamuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsanii turan.
Itiyoophiyaan amma Albuuda dheedhii alatti erguu irraa gara sona itti dabaluu fi biyya keessatti qulqulleessuutti ce’uun birmadummaa dinagdee mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jirti.
Mootummaan Ida’amuu xiyyeeffannoo damee albuudaaf kenneen baay’ina oomishaa qofa osoo hin taane qulqullina isaa dabaluun gumaacha damichi dinagdee biyyaaf qabu qabatamaan mirkaneessaa jira.
Siifan Magarsaatiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa