Ministirri Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Ximootewoos Dura Taa’aa Garee Biyyoota Guddachaa Jiranii Waliin Mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Pirezidaantii Filatamaan COP32 Dooktar Geediyoon Ximootewoos, Dura Taa’aa Garee Biyyoota Guddachaa Jiranii Ambaasaaddara fi Timoor-Leeste, Adaadoo Soo’aarees Barboosaa waliin mari’ataniiru.
Mariin kun Yaa’ii COP31 cinatti Paaviliyoonii Itiyoophiyaa keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, irra caalaa dhimmoota biyyoonni guddachaa jiran dursa kennanii fi qophii COP32 irratti kan xiyyeeffateedha.
Dooktar Geediyoon Ximootewoos marii isaaniin adeemsa qophii COP32 ilaalchisee Itiyoophiyaan miseensota Garee Biyyoota Guddachaa Jiranii waliin dhiyeenyaan hojjechuuf kutannoo qabaachuu ishee mirkaneessaniiru.
#Ethiopia #BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa