Hojii Itiyoophiyaan damee Ashaaraa Magariisaan Hojjette Kan Jajamuu Dha – Hirmaattota COP31
Finfinnee, Sadaasa 1, 2019 (FMC) – Hirmaattoonni Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Idil-addunyaa COP31, hojiiwwan Itiyoophiyaan damee Ashaaraa Magariisaan hojjechaa turte dinqisiisoo dha jedhan.
Hirmaattoonni kunniin Paaviiliyoona Itiyoophiyaan yaa’ii COP31 Turkii, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jiru irratti dhiyeessite daawwataniiru.
Bakka bu’oonni dhaabbilee jijjiirama qilleensaa garaagaraa waltajjicharratti argaman, Paaviiliyoona Itiyoophiyaa COP31 irratti sirna buna dhuguu dabalatee aadaa fi duudhaa Itiyoophiyaa biroo daawwachuu isaanii ibsaniiru. Hirmaannaa kanaanis gammachuu isaanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyya madda dhala namaa fi bunaa ta’uun akka beekamtu eeruun, Afrikaa keessatti biyyoota buna gara biyya alaatti ergan keessaa kan duraa ta’uu ishee kaasaniiru.
Hirmaattoonni kunneen hojiiwwan Itiyoophiyaan Ashaaraa Magariisaan hojjechaa turtee fi hoggansa Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad damee kanaan kennaa jiran dinqisiifataniiru.
Keessumaa hojiiwwan kunuunsa biyyee, misooma koridarii fi qarqara laggeenii biyyoota biroof muuxannoo gaarii ta’uu danda’u jedhaniiru.
Dhaabbileen isaanii Mootummaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun damee jijjiirama qilleensaa ittisuu irratti tumsaafi hojjechaa jiraachuu kan ibsan hirmaattoonni kunneen, tumsi kunis gara fuulduraatti cimee akka itti fufu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan biyya COP32 keessummeessitu ta’uu isheetiin waltajjii idil-addunyaa kana milkaa’inaan akka qopheessituuf tumsaafi deeggarsa barbaachisu kan kennan ta’uu dubbataniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa