Waltajjii guddummaa Itiyoophiyaa addunyaatti mul’ise: Olompikii Dargaggoota Addunyaa 4ffaa
Finfinnee, Sadaasa 2, 2019 (FMC) – Taphoota Olompikii Dargaggoota Addunyaa 4ffaan Seeneegaal Daakaaritti gaggeeffamaa ture damee Atileetiksii Itiyoophiyaan olaantummaan xumurameertiitti.
Waltajjii yeroo jalqabaaf dachee Afrikaarratti gaggeeffame kanaan guddattoonni Itiyoophiyaa seenaa hojjetaniiru.
Itiyoophiyaan meedaaliyaa warqee 5 fi Meetii 3 walitti qabachuun addunyaarraa sadarkaa 1ffaan xumurte.
Itiyoophiyaan dorgommii Atileetiksiin Chaayinaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa fi Naayijeeriyaa of duuba hiriirsiisuun guddummaa ishee addunyaaf beeksisteerti.
Atileet Yoomiif Abbabaa meetira 800, Atileet Eelsaabeet Amaaree meetira kuma 1 fi 500, Atilee Natsaannat Salamoon meetira 800, Atileet Wabii Wajiraan meetira kuma 1 fi 500 akkasuma Atileet Juunaddiin Abdoon meetira kuma 2 meedaaliyaa warqee Itiyoophiyaaf argamsiisuun maqaa biyyattii addunyaarratti waamsisaniiru.
Akkasuma Atileet Tsaadiqaan Makonniin gufachiisa meetira kuma 2, Atileet Gooyitooma Makonnoon gufachiisa meetira kuma 3 fi Atilee Yoordaanoos Tsaggaa’ab meetira kuma 3 meedaaliyaa meetii argamsiisaniiru.
Bu’aan kun milkaa’ina guddaa seenaa atileetiksii Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf dandeettii, ga’umsaafi abdii egeree haaraa kan agarsiisudha.
Dorgommiin Onkololeessaa 21, 2019 eegalee gaggeeffamaa jiru kun Seenaa kabaja Itiyoophiyaa fi alaabaa Itiyoophiyaa caalmaatti olkaasee addunyaatti mul’isee ta’eera.
Atileetoonni Itiyoophiyaa Samii Daakaar jalatti ifanii mul’ataniiru.
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa