Fana: At a Speed of Life!

Imala Misooma magariisaa Mootummaa Ida’amuu…

Finfinnee, Sadaasa 7, 2019 (FMC) – Hojiileen Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa, gammoojjummaa fi mancaatii qabeenya uumamaa qolachuuf hojjette bu’aa qabatamaa galmeesseera.

Hojiileen Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hojjettte sadarkaa addunyaatti dinqisiifannaa olaanaa argateera.

Ashaaraan Magaariisaa Itiyoophiyaa eegumsa naannoo cinaatti, dinagdee magariisaa ijaaruu fi misooma waaraa dhugoomsuuf shoora olaanaa bahachaa jira.

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona deebisanii misoomsuu, lafa manca’e suphuu, madda bishaanii kunuunsuu, jijjiirama qilleensaa ittisuu fi qabeenya uumamaa dhaloota dhufuuf tursiisuurratti xiyyeeffata.

Hojiin gadi lakkifama Kaarbanii qolachuun diinagdee magariisaa ijaaruuf hojjetaa jiru bu’aa qabatamaa galmeessaa jira.

Kunis Itiyoophiyaan yaa’ii qabeenya qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii 32ffaa akka keessummeessitu carraa uumeera.

Waadaa misooma anniisaa haaromuu gara gochaatti jijjiiruun Humna Elektirikaa maddoota anniisaa haaromuurraa maddisiisaa jirti.

Kanaanis Humna Elektirikaa biyyoota ollaaf dhiyeessuun gadi lakkifama Kaarbanii naannawichaa hir’isuurratti gahee olaanaa qabachaa jirti.

Itiyoophiyaan biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman, kanneen oomisha nyaataa, misooma bosonaa, bareedina naannoo fi paarkiiwwaniif oolan dhaabuun seenaa hojjechaa jirti.

Bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dooktar Abiy Ahimadiin kan eegalame sosochiin uummataa guddaan kun duula dhaabbii biqiltuurra darbee lammiilee miiliyoonatti lakkaa’aman hirmaachisuun uwwisa bosonaa biyyattii sadarkaa olaanaan guddisuu danda’eera.

Biqiltuuwwan sagantichaan dhaabaman waggoottan muraasa keessatti lalisuun uwwisa bosonaa waliigalaa biyyattii gara boqonnaa olaanaatti ceesisaniiru.

Hojiilee misooma bosonaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa sagantaa ashaaraa magariisaan hojjetamaniin Itiyoophiyaan Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii irraa beekamtiifi badhaasa argatteetti.

Hojiileen Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa akka biyyaatti aadaa magariisummaa dagaagsuu, jijjiirama qilleensaa ittisuu, carraa hojii babal’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, dippilomaasii jijjiirama qilleensaa cimsuu keessattis gahee olaanaa bahateera.

Itiyoophiyaan biyyoota ollaa isheetiif biqiltuuwwan dhaabbii kennuun, qajeeltoo waliin guddachuu hojiirra oolchaa jirti.

#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.