Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila giddugala tokkoo dhamaatii hawaasaa hir’isaa jiru

Finfinnee, Sadaasa 8, 2019 (FMC)- Godina Lixa Oromiyaa, Magaalaa Gimbiitti erga Tajaajilli giddugala tokkoo hojii egalee hawaasni magaalichaa dhamaatii fi baasii tajaajila argachuuf basaa turan irraa baraaramuu ibsan.

Hawaasni magaalichaa tajaajila qulqullinaa fi saffisaa ta’ee hunda iddoo tokkootti, argachaa jiraachuutti gammadu himaniiru.

Hojjettoonni giddugalichaa gamasaaniin, hawaasa karaa haala mijataa ta’een tajaajiluuf bakka hojii mijataa argachuu isaanii ibsuun, tajaajila saffisaa fi qulqullina qabu kennaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojii Geggeessan Wiirtuu Kenna Tajaajilaa Iddoo Tokkoo Magaalaa Gimbii Obbo Waqtolee Malkaa, rakkoon bulchiinsa gaarii keessaa tokko tajaajilli hawaasni argatu bakka garaagaraatti faca’ee argamuu ta’uu ibsaniiru.

Kanaafis, hawaasni tajaajila barbaachisaa ta’e argachuuf yeroo fi baasii qisaasessaa akka ture eeruun, amma garuu ,giddugala tokkotti rakkoo kana furuun hawaasni bakka tokkotti yeroo gabaabaa keessatti tajaajila akka argatu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Kantibaa Magaalaa Gimbii Obbo Yasuuf Kadiir gamasaaniin, bara baajataa darbe keessatti ijaarsi wiirtuu kanaa magaalichatti xumuramuun, gosoota tajaajilaa 12’n hojii akka eegale kaasaniiru.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.