Hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabnu caalmaatti cimsuuf ni hojjenna – Ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa
Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC) –Ambaasaaddaroonni haaraan biyyoota garaagaraa Itiyoophiyaatti muudaman Hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabnu caalmaatti cimsuuf ni hojjenna jedhan.
Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen xaalayaa muudama ambaasaaddaroota biyyoota adda addaa simataniiru.
Hariiroo fi michummaa Itiyoophiyaa waliin qabnu caalmaatti cimsuuf ni hojjenna jedhan Ambaasaaddaroonni kunneen.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Eemireetoota Araba Gamtoomanii ta’uun kan muudaman Abdallaa Hasan, hariiroo gaarii biyyoota lamaan gidduu jiru caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu dubbatan.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Qoophiroos ta’uun kan muudaman Saaavaas Vilaadimruun gama isaaniin, hariiroo amanamaa fi michummaa cimaa biyyoota lamaanii sadarkaa fooyya’atti guddisuuf ni hojjenna jechuun ibsan.
Akkasuma Itiyoophiyaatti Ambaasaaddar Rippaabliika Cheek ta’uun haaraa kan muudaman Jaan Rooseek, turtii Itiyoophiyaatti qabaniin michummaa gamhedduu biyyoota lamaanii guddisuuf kan hojjetan ta’uu dubbatan.
Itiyoophiyaan biyya guddina diinagdee saffisaa galmeessaa jiru ta’uu fi hariiroo Ayerlaandii fi Iyiyoophiyaa fayyadamuummaa waloorratti hundaa’e guddisuuf kan hojjetan ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ayerlaandi ta’uun kan muudaman Siyaalaaraan eeraniiru.
Hariiroo damee daldalaa, Invastimantii Aadaa, diinagdee, dippiloomaasii,siyaasaa fi kanneen biroo caalmaatti cimsuuf murannoo fi amanamummaan kan hojjetan ta’uu Ambaasaaddaroonni kunneen himaniiru.
Qiddisti Abaateetiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa