Hoggantoonni Chaayinaa fi Raashiyaa dhimmoota waloorratti mari’atan
Finfinnee, Sadaasa 9, 2019 (FMC) – Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingii fi kan Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin Chaayinaa Sheenzyeenitti wal arguun mari’ataniiru.
Hoggantoonni lamaan Yaa’ii Tumsa diinagdee Eeshiyaa – Paassifiik cinaatti marii kana gaggeessaniiru.
Hoggantoonni kunneen Yaa’ii Sadee boru Pireezidaantii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi waliin taasifamu dursee qabxiiwwan marii isaanii ifoomsaniiru.
Pireezidaantoonni biyyoota lamaanii kan har’aa dabalatee bara 2026 keessa qofa yeroo 5ffaaf waliin mari’achuu maddoonni oduu Chaayinaa fi Raashiyaa gabaasaniiru.
Mariin sadee Doonaaldi Tiraampi waliin taasifamu daran murteessaa fi faayidaa qabeessa ta’uu dubbatan Pireezidaanti Vilaadmiir Puutiin.
Wayita sodaan waraanaa fi siyaasaa dabalaa dhufaa jirutti wanti baay’ee barbaachisu qoqqoodamuu caalaa tokkummaa, akkasumas akeekkachiisa kennuu caalaa mariin murteessaa ta’uu dubbatan.
Hubannoo namtochee fi daldala bilisaarratti tumsi idil addunyaa cimuu akka qabu waamicha dhiyeessan Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiingi haasa’a baniinsaa taasisaniin.
Immabeet Sisaayiin
#BiyyaGuddoo #UummataGuddaa #MullataGuddaa